Friday, November 23, 2007

Hoogganooti Dhaaba Qinijjiti bakka lamatti qoodamate


Oromoo cunqursuu fi Oromiyaa saamuu irratti, wal-dorgommii filmaataa wal-gidduutti bara 2005 godhanii mootummaa Ixoophiyaa fi “Qinijjit” gidduutti wal-dhabbiin dhalate osoo furmaata hin argatin, wal-dhabbiin haaraan“Qinijjit” keessatti eegaluu isaa gabaasaan magaalaa gudditti Oromiyaa Finifinnee irraa nu dhaqabe ibsee jira. Lolli “Qinijjit”keessatti dhalate kun, miseensa fi miseensa gidduutti, hooggana fi miseensa gidduutti, hooggana fi ummata gidduutti, akkasumas hooggana fi hooggana gidduutti garaagarummaa guddaa uumee jiraachuun isaa beekameera.

Gabaasaan nu dhaqabe akka ibsutti, miseensota fi deggertoota “Qinijjit” isaan “ni hoogganna” jedhan hedduu kan ajjeessee fi dhiiga isaanii akka lolaa jigse mootummaa wayyaanee jaarsummaa itti ergatanii dhiifama gaafachuun mana hidhaatii bahuun hoogganoota “Qinijjit”kun miseensota fi deggertoota dhaaba kanaa guddoo kan aarse qofa osoo hin taane, hooggana dhaaba “Qinijjit”kana irraa ummati Amaaraa abdii akka kutatu godheera.

Kan ilmaan keenya lubbuu itti dhaban fi dhiiga itti dhangalaasan;hidhaa sodaatuun wayyaanee dhiifama gaafachuun mana hidhaatii bahuun hoogganoota dhaaba “Qinijjit”, ummata Amaaraaf osoo hin taane maqaa keenyaan aangoo Ixoophiyaa qabachuuf hawwii isaan qaban kan saaxilee dha.” jechuudhaan jaarsi Amaaraa miseensa dhaaba “qinijjit”ture fi maqaan isaa akka hin saaxilamne barbaadu aariidhaan yaada inni hoogganoota “Qinijjit”irratti kennate, maddi keenya itti dabalee nuuf gabaaseera.

Ummati Amaaraa fincilee mana hidhaatii akka isaan baasutti abdatanii kun osoo hin ta’in hafuu isaa irraa, hoogganooti “Qinijjit”kun ummata Amaaraa irraa abdii dhabaa dhufuun fi gariin hojii isaa duriitti deebi’uuf murteeffachaa akka jiran kan miseensoti fi deggertooti “Qinijjit” dubbatan tuquun maddi keenya nu addeesseera.

Dhaaba “Qinijjit” abdachuudhaan, biyyoota alaa irraa dhufanii indoo(investment) addaa addaa irratti kanneen bobba’nii turan fi “Qinijjit’n deggeraan Amaaroti gariin, ammaan tana abdii kutachuudhaan, qabeennaa isaanii garii gurguruun gariif ammoo fira bakka buufachuun biyya irraa dhufanitti deddebi’aa akka jiran madda keenya irraa odeeffannoon argame ni hubachiisa.

Gama biroon ammoo, wal-dhabbiin “Qinijjit” keessa jiru kan Lidetuu Ayyaalewuun eegale hoogganoota “Qinijjit” gad hafan gidduutti itti fufee jiraachuu fi Fulbaana 20, 2007 irraa eegalee gartuu Haayiluu Shawul fi Biraanuu Naggaa gidduutti wal-qooduun mana murtii biyya Kanaadaa wal-dhaabaa jiraachuu isaanii maddi keenya Kanaadaatti argamu nuuf gabaaseera.

Akka waan mootummaa Wayyaanee kuffiseetti kan dhaadachaa ture dhaabi “Qinijjiti” kun, jeeqamsa keessaatiin qabamuu isaa kanneen ajaa’ibsiifatan “,bara 2005 aangoo osoo qabatee, Impaayeratti maal godhuuf ture?” jechuudhaan dhaabi kun amantaa, sirna fi qindoomina akka hin qabne namooti hedduun yaada kennatu.

Wal-dhabbiin Haayiluu Shawul fi Biraanuuu Naggaa gidduutti dhalate miseensota fi deggertoota dhaaba kanaa qofa osoo hin taane, Amaarota fi Guraagee illee akka gargar qoodaa jirutu dhagahama. Gareen lameenuu, deggertoota fi miseensa of-jala hiriirsuuf olola wal-irratti oofuu eegalanii jiran. Jeeqamsa 2005 dhaaba isaanii mudateefis wal-himachuu fi tokko tokkotti quba qabaa jiraachuutu dubbatama.

Tumsa Dimookiraasii, kan Shaneen miseensa itti taate keessa dhaabi jiru tokko ‘Qinijjit”. Kanaaf, wal-dhabbiin “Qinijjit” keessatti dhalate tumsa kana tuqeera. Akka kanaan, qoodama “Qinijjitiin”mudate kana keessatti gama eennu akka dhaabbatu dhabdee Shaneen jeeqamaa akka jirtutu dubbatama.

Wal-dhabbii “Qinijjit” keessatti dhalate kanaan, humni murmitootaa irraa cabuu qofa osoo hin taane, ‘Qinijjit’dhadhabaan qabsoo bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuuf isii tumsu fi fakkii dimookiraasii kennuufii danda’u tokko akka jiraatuuf, mootummaan Wayyaanee ,garee lameen keessaa tokko waliin haasoftee araaramuun hojii isaanii biyyatti deebi’anii akka eegalan Mootummaa Ameerikaa keessaan carraaqaa akka jirtutu dubbatama. Motummaan Wayyaanee, kanneen duubbee EPRP qaban’Qinijjit’keessaa akka baatu waan barbaadduuf, gaaffii Wayyaanee kanaaf deebii kennuuf waanni “Qinijjit’keessatti godhamuuf deemu illaa, madda jeequmsa biroo ta’u akka danda’utu tilmaamama. Walumaagalatti, dhaabi “Qinijjit” kun humna isaa arma duraatti deebi’ee Wayyaaneef sodaachisaa ta’uuf waggoota isa fudhata” jechuudhaan hayyooti siyaasaa tokko tokko yaadaa kennachaa jiru.


Tuesday, November 13, 2007

Seenaa Chee Guuveeraa

Baatii Onkoloolessa, gaafa ja’aa irraa eegalee, mata dureelee sab-quunnamtii addunyaa harkisan keessaa guddichi, waa’ee”Chee Guuveraa” ti.Kanaaf, seenaa nama kanaa gabaabsinee ilaalla.

BBC’n akka gabaasetti, Chee Guuveeraan, dhalootaan nama Aarjentiinaa oggaa ta’u bara 1928 kan dhalatee fi sadarkaa barnootaan ammoo doktoota ture. Chee Guuveeraan, sadarkaa barnoota isaa kanaan jireenya qananii jiraachuu osoo danda’uu, cunqursaa gabroofatootaa jalaa bahuuf qabsoo ummatooti addunyaa geggeessan gargaaruuf murteeffatee nama biyya isaatii bahee dha .

Akka kanaan, biyya isaa Aarjentiinaa irraa ka’ee, biyya Kiyuubaa seenuudhaan, cunqursaa Batistaa jalaa bilisa bahuuf warraaqsa Kiyuubaa keessatti geggeeffameen injifatnoo bara 1959 ummati Kiyuubaa argate, Fidel Kaastiroo waliin kan hogganaa turee dha.

Kiyuubaa Batistaa jalaa bilisoomte keessatti, bulchaa baankii waaltaa fi jallaaba(ministeer) hoomishaalaa(industirii) ta’ee Fidel Kaastiroon haa ramadamu iyyuu malee, addunyaa kana irraa, cunqursaa fi saamichi akka badu waan barbaaduuf, warraaqsa farra cunqursaa biyoota biroo keessatti geggeeffaman, itti fufee gargaaruuf jecha biyya Kiyuubaa gad-dhiise.

Bara kudhanii sagal jaatamoota(1960’s) keessa, gabrummaa jalaa bahuuf, qabsoo riphee lolaa biyyooti Afriikaa geggeessaa turan leenjisaan gargaaruuf jecha biyoota akka: Koongoo, Maalii, Aaljeeriyaa fi kkf dhaqeera.

Chaa Guuveeraan, arma irraa itti fufee, cunqurfamtoota gargaaree jijjirama fiduuf jecha, Onkoloolessa7, 1967 biyya Boolibiyaa seene. Akka biyyoota biroo keessatti milkaahetti garuu;biyya kana keessatti milkaahuu hin dandeenne. Akkuma inni Boolibiyaa seeneen, Keettoon Basaasa Waaltaakan biyya Ameerikaa(CIA), waraana mootummaa Booliviyaa yeroosii dhimma bahuudhaan to’annaa jala oolche. To’annaa jala oolchanii osoo hin turre, Onkoloolessa 8, 1967 rasaasa itti roobsuun ajjeessanii bakka awwaala isaa illee dhoksan jedhama.

Haa ta’u malee garuu; tattaaffii Fidel Kaastiroon godheen, bakki awwaala isaa bara 1997 argamee sirnaan awwaalameera. Waggaa afurtammaaffaa “Chee Guuveeraan”itti du’e, Onkoloolessa 8, 2007 addunya kana irraa bakka hedduutti kabajamee ooleera.

Ummati Kiyuubaa kuma kudhanii ol ta’u, hooggana Chee Guuveeraatiin bakka bilisoome-Havaanaa keessatti kan argamu-Santa Kaartaatti argamee ilillii kaa’uudhaan kabajaa, ulfinaa fi jaalala qabuuf agarsiiseera..

Gaazexaa Kiyuuba keessatti maxxanfamu irratti,”ilillii yeroo malee damee irraa cite”jechuudhaan, du’a Chee Guuveeraatti gadda itti dhagahame Fidel Kaastiroon ibseera. Jaarsi waggaa saddeetamaa, kan ajaja Chee Guuveeraa jalatti lolaa ture, “fakkeenya gaarii warraaqtotaa ti.jechuudhaan jaala isaa kan ture Chee Guuveeraa faarseera. Ummati Kiyuubaa hundi, Chee Guuveeraa, akka goota biyyatti ilaala.

Ummati Booliiviyaa kuma hedduutti tilmaamamus, bakka inni itti ajjeefametti argamee ilillii kaa’uufiin kabajee ooleera. Kana qofa osoo hin taane, ummati Booliviyaa gariin, “maqaa Chee Guuveeraatiin waaqa yoo kadhanne waaqi nuu dhagaha;kanaaf inni akka waaqaaa ti” jechuudhaanis jalaala isaaf qaban ibsaniiru.

Onkoloossi 8, 2007, Kiyuubaa fi Booliviyaa keessatti qofa osoo hin taane, addunyaa kana irraa, bakka hedduutti, ummata kuma hedduun, guyyaa yaadannoo Chee Guuveeraa ta’ee kabajamee fi yaadatamee kan oole oggaa ta’u, T-shirt, fi kooffiyaan fakkoo isaa qaban fi sirbi yaadannoo isaaf qophaahan miliyoonni(kumkuma) hedduun gurguramaniiru.

Guyyaa yaadannoo “Chee Guuveeraa” kana ilaalchisee haasaa godhe irratti, ajjeechaa “Chee Guuveeraa” irratti raawwateen, akeeka Booliviyaa keessatti bakka osoo hin gahin hafe itti fufee bakkaan akka gahu pirezedaantiin Booliviyaa waadaa seeneera.

Seenaan Chee Guuveeraa, akkuma bara kudhanii sagal jaatamoota keessa, namoota hedduu qabsoof kakaase;har’a illee, ummatoota bilisummaaf qabsaawan, kanneen akka Oromoof fakkii gaarii dha.

Chee Guuveeraan,doktoora ta’ee osoo jiruu, jireenya dhuunfaa fi biyya isaa dhiisee biyyoota adda addaa deemuudhaan ummatoota qabsoo bilusummaa geggeessan osoo gargaaruu kan du’ee dha. Chee Guuveeraan, nama biyya Aarjentiinaa ta’ee osoo hiruu, ummatoota biroof jecha lubbuu isaa dabarsee kan kennee dha.

Chee Guuveeraan,doktoora ta’ee osoo jiruu;bilusummaa saba biroof kan wareegame;doktooroti Oromoo ammoo bilusummaa ummata Oromoof maal godhaa jiru laata? Chee Guuveeraan, doktoora ta’ee osoo jiru;bilisumaa ummata biroof jecha bosona kan seene; doktooroti Oromoo ammoo maal godhaa jiru laata?

Nama alagaa, yeroo rakkina isaa itti dirmate fi qabsoo irratti isaa gargaare, guyyaa inni itii wareegame yaadachuuf ummati Kiyuubaa kuma hedduutti lakkahamu walitti qabameera. Nuhi Oromooti garuu; Oromoota bilusummaa Oromiyaaf wareegaman ni yaadannaa laata?Amantii, naannoo, gurraacha, diimaa, Afriikaa, Awurooppaa, Eeshiyaa ykn Araba osoo hin jedhin, addunyaan,guyyaa Chee Guuveeraan itti wareegame kabajaa guddaan oggaa yaadatu; nuhi Oromooti ammoo, gootota bilusummaa Oromiyaaf wareegaman hunda hangam tokko kabajaan yaaadanna laata?

Akeeka Chee Guuveeraan wareegameef kana, ummati miliyoonatti lakkaahamu yaadatee kan oole, nuhi Oromooti ammoo, akeeka bilusummaa Oromiyaa kan goototi kumaan lakkahaman irratti wareegaman hangam tokko yaadanna laata?

Thursday, November 8, 2007

ABO fi qabsoo fi mirga hiree murteefannaa


Qabsoon mirga hiree murteeffannaa, seenaa addunyaa keessatti bakka guddaa qaba. Addunyaan, bifa har’a qabdu kan argatte, kabajamuu ykn ammoo dhiitamuu mirga hiree murteeffannaa ummatootaan akka ta’e ragaan seenaa hedduutu jira.
Dhiitama mirga hiree murteeffannaa ummatootaan, mootummooti gabroomfatoo,hedduun dhalataniiru. Dhiitamuu mirga hiree murteeffannaa isaan irra gaheen, ummatooti hedduun gabrummaa:Impaayera Ixoophiyaa Faransaa, Ingilizii, Xaaliyaa, Jaappaan, Turkii, Iraaq, Raashiyaa kkf jalatti kufaniiru. Qabsoo baroota dheeraa booda garuu;mirgi hiree murteeffannaa ummatoota kanaa kabajamee mootummooti walaba ta’an kan ummatoota kanaa dhalataniiru.
Qabsoo hadhooytuu, kudhanoota sadiif(30) ummati Eeritiriyaa godheen, mirgi hiree murteeffannaa isaa kabajameefii, Eeritiriyaa ykn Ixoophiyaa keessa akka filatan gaafatamanii, Eeritiriyaa filachuudhaan biyyi Eeritiriyaa dhalatte. Kabajamuun mirga hiree murteeffanna ummata Eeritiriyaa kun, daangaan Impaayera Ixoophiyaa, kan duraanii irra akka xiqaatu godheera.
Dhiitama mirga hiree murteeffannaatiin, ummatoota gabrummaa Impaayera Ixoophiyaa jalatti kufan keessaa, qabsoo hidhannoo dhaawwataan geggeessee mirga hiree murteeffannaa isaa kan kabachiifate, Eeritiriyaa qofa ogga ta’u, ummatooti kanneen akka Oromoo garuu;dhuma jaarraa 19ffaa irraa eegalee hanga har’aatti, mirgi hiree murteeffannaa isaanii dhiitamaa jira. Haa ta’u malee garuu;dhiitama kana jalaa bahee mirga hiree murteeffannaa isaa kabachiifatuuf, ummati kun qabsoo itti fufee jira.

Mirga hiree murteeffannaa jechuun maal jechuu dha?
Mirgi hiree murteeffannaa, hiika armaan gadii sadan of-keessaa qabaachuu ni danda’a.
1. Bifa mootummaa(tokkummaa) fedhu( unitary, federation, confederation)keessaa filatuuf mirga sabi tokko yookaan biyyi tokko qabu;
2. Walaba ta’anii jiraachuu yookaan bifa tokkummaa fedhan keessaa filachuuf mirga sabi tokko yookaan biyyi tokko qabu;
3.Carraa isaa murteeffachuuf mirga nam-tokkeen qabu kanneen akka: mirga yaada ofii ibsachuu(freedom of expressin), mirga ijaaramuu(freedom of association), mirga sosso’uu(freedom of movement), mirga wal-gahii(freedom of assembly), mirga filuu fi filamu(freedom to elect and be elected) kkf jechuu dha.

Mirga hiree murteeffannaa fi seera addunyaa.
Mirgoota seerri addunyaa kabaju fi akka kabajamu dirqu keessaa tokko, mirga hiree murteeffannaa ummatootaa ti. Akka mirga diinagdee, hawaasummaa fi aadaa seera addunyaa( International covenant on economic, social and culturan rights, article 1) aangoo 1ffaatti: “Sabooti hundi mirga hiree murteeffaannaa qabu. Mirga kana dhima bahuudhaanis, dhiibba tokko malee, sadarkaa siyaasaa(political status)isaanii murteeffachuu fi dhiibbaa tokko malee, guddina diinagdee, hawaasummaa fi aadaa kan mataa isaanii hordofuu ni danda’u. Itti fufuunis, mirgi siyaasaa seera addunyaan(International covenant on civil and political right, article 1) hayyamame, aangoo 1ffaa irratti kanuma mirkaneesse.

Dhaabota siyaasaa Oromoo fi mirga hiree murteeffannaa.
Ummati Oromoo bilisummaa akka fedhu shakkiin hin jiru. “Bilisummaa,ummati kun fedhu argamsiisuuf;dhaaba Oromoo isa kamtu akeeka qaba?” gaaffiin jedhu garuu;ifa ta’uu qaba.Dhaaboti siyaasaa Oromoo kanneen akka:ABO, Shanee(Daawwit Ibsaan hoogganamu), OPDO(wayyaaneen ijaaramee abbaa Duulaan hoogganamu), KSO(Mararaa Guddinaatiin hoogganamu), fi Federaalawaa(Bulchaa Dammaqsaatiin hoogganamu) hundi, “Mirga hiree murteeffannaa ummata”
"Oromoof dhaabbanne” haa jedhan iyyuu malee, hiiki isaan mirga hiree murteeffannaaf kennan, garaagarummaa ayinaa(quality) fi kan qabiyyee(content) hedduu qaba. Dhaaboti akka: OPDO, KSO, Shanee fi Federaalawaa, hiiki isaan mirga hiree murteeffannaaf kennan, hiika ABO’n mirga kanaaf kennu irraa adda. Qooqaan afaan faranjii(English dictionary) illee, mirga hiree murteeffannaaf, hiika sadii kenna.

Dhaabota Ixoophiyummaa Fudhatan

Dhaaboti akka: Shanee, OPDO, KSO, fi Federaalawaa, Ixoophiyummaa waan fudhataniif, mootummaa walaba Oromiyaa yookaan Ixoophiyaa jala turuu keessaa filachuuf mirga ummati Oromoo qabaachuu qabu hin fedhan;dura dhaabbatus. Dhaaboti kun, Ixoophiyummaa waan fudhataniif, bilisummaa isaa gonfachuuf fedhii ummati keenna qabu, bakkaan gahuuf akeeka hin qaban. Ofii Ixoophiyummaa waan fudhataniif, ummati Oromoos gabrummaa Ixoophiyaa jala akka turu fedhu.

Ixoophiyaa fudhachuu jechuun, lafti daangaa Eeritiriyaa irraa hanga daangaa Keeniyaa jiru;daangaa Sudaan irraa eegalee hanga daangaa Sumaaliyaa jiru(magaalaa Finifinnee waliin), lafa Ixoophiyaa ta’uu fudhachuu jechuu dha. Oromiyaan qaama Ixoophiyaa waan taateef, bilisoomuu akka hin dandeenne fudhatuu jechuu dha. Ixoophiyummaa fudhachuu jechuun, ummatooti Impaayericha keessa jiraatan, qabeennaa Oromiyaa irratti ajajuuf, Oromoo waliin mirga wal-qixa akka qabaatan fudhachuu jechuu dha. Mirga ummati biraan Oromoo bulchuuf qabu fudhachuu jechuu dha. Ixoophiyummaa fudhachuu jechuun, ummatoota Impaayericha keessa jiran hundaaf Oromiyaa hayyamuu jechuu dha. Ixoophiyummaa fudhachuu jechuun, mirga guutuu Oromiyaa irratti qabaachuu malle dabarsinee kennuu jechuu dha.

Akka dhaabota kanaatti, ummati Oromoo, biyya isaa keesatti, ummatoota biroo waliin mirga wal-qixa qabaachuu qaba. Kana jechuun, Oromoon kumkumi(miliyoonni) 40 Tigree kumkuma 3 waliin mirga wal-qixa haa qabaatu jechuu dha. Kana jechuun, Oromoo kumkumi 40, Amaara kumkuma 8 waliin mirga wal-qixa haa qabaatu jechuu dha. Walumaagalatti, Oromoon 13, Tigree 1 waliin wal-qixa haa ta’u; yookaan ammoo Oromoon 5 Amaara 1 waliin wal-qixa haa ta’u jechuu dha.

Seera herregaa, addatti dhaaboti kun ummata Oromoof baasan yoo ta’e malee, 13 fi 1(13 ≠1); yookaan 5 fi 1(5≠1) wal-qixa ta’uu hin danda’u. Oromoon 13 fi Tigreen 1 ;yookaan Oromoon 5 fi Amaarri 1 wal-qixa haa ta’u jechuun seera herregaa fi dimookiraasii(Gadaa) faallessuu qofa osoo hin taane, ummata Oromoo fi Oromiyaa tuffachu fi rakashiisuu dha. Akka dhaaboti kun yaadanitti;Oromoo fi Oromiyaan garuu;tuffatamaa fi rakasha araaja gurguramu miti. Ummata Oromoo fi Oromiyaa tuffachuu fi rakashiisuun, diinummaa dhaaboti kun Oromoo fi Oromiyaa irraa qaban kan mirkaneessu qofa osoo hin taane,osoo hin dafqin, ummata Oromoo fi Oromiyaa gabaa araajaatti gurguruun bu’aa shaffisaa(quick profit) argachuuf akeeka dhuunfaa isaan qaban ifa kan godhuu dha.
Walumaa galatti, dhaaboti kun, mootummaa walaba Oromiyaa yookaan Ixoophiyaa jala jiraachuu keessa tokko filachuuf ummati keenya mirga
akka qabaatuuf kan qabsaawan osoo hin taane, ummati Oromoo, Ixoophiyaa jalatti, mirgoota nam-tokkee kanneen akka mirga: ijaaramuu, mormuu fi deggeruu, sosso’uu, yaada ofii ibsachuu, dalaguu, filuu fi filamuu, waaqeffachuu, fi kkf akka qabaatu qofaafi.
Akka dhaabota kanaatti, ummati oromoo, Loon(saawwa) dhiisee aannan gaafachuu qaba. Akka dhaabota kanaatti, ummati Oromoo, lukkuu(hindaaqqoo) dhiisee buphaa(hanqaaquu) gaafachuu qaba. Akka dhaabota kanaatti, ummati Oromoo, mirga uumamaan qabu fi seerri addunyaa kennuuf fudhachuu dhiisee alagaa kadhachuu qaba.

ABO fi Mirga Hiree Murteeffannaa

Akeeki hundee ABO: “Mootummaa walaba Oromiyaa dhaabee iggitii eerga itti godhee booda, ummati Oromoo, dhiibbaa tokko malee, mootummaa walaba Oromiyaa ykn ammoo tokkummaa fedha isaa irratti hundaahe keessaa akka filatu haala aanjessuufii dha”

Ummati kun, bilisummaa akka filatuuf, kan dammaqsuu ijaaru fi hoogganu yoo ta’e illee, fuul-duree Oromiyaa irratti, murtii isa dhumaa kennuuf mirga kan qabaatu ummata Oromoo ti. Mirga kana dhimma bahuudhaan, sagalee kannatuun(referendum),Mootu-mmaa walaba Oromiyaa ykn Ixoophiyaa keessaa akka filatuufi ummati Oromoo gaafatama. Guyyaa ummati Oromoo sagalee kennatu(referendum), ABO’n bilisummaa Oromiyaa qabatee ummata Oromootti dhiyaata. Oromiyaa ykn Ixoophiyaa keessa filachuun garuu,mirga ummata Oromoo ti. Kaayyoon ABO’s bakka gahe kan jedhamu,ummati Oromoo akka kanatti hiree isaa yoo murteeffatee qofa. Kun oggaa bakka gahe, “mirgi hiree murteeffannaa ummata Oromoo guutummaatti kabajameera” kan jedhamuu danda’u. Mirgi hiree murteeffannaa kan: Shanee, KSO, OPDO fi Federaalawaas akka kanatti kan ABO irraa adda ta’a.

Mirga hiree murteeffannaa ummatootaa of-dura qabee aangootti kan ol-bahe mootummaan Wayyaanee, eerga aangoo qabatee garuu;gaaffii mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo dhabamsiisuuf gochaan farrummaa inni ummata kana irratti hin raawwatin hin jiru. Gaaffii kana cafaquuf tattaaffii inni godhe garuu; ummata kana of-duuba
kan deebisee osoo hin taane, daranuu kan onnachiise ta’ee argama.

Akka Wayyaaneetti, mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo of-dura qabuudhaan, akeeka dhoksaa kan dhuunfaa bakkan gahachuuf tattaafachuu dhiisanii, dhaaboti Oromoo kun, akka ABOtti, mirga hiree murteeffannaa dhaabbataniif ummata Oromoof ifa godhuu qaban.Akka Wayyaanee, dhaaboti Oromoo akka:Shanee, KSO, OPDO fi Federaalawaa akka nu kijibneef,, mirga hiree murteeffannaa isa kamiif akka dhaabbatan ummati Oromoo dhaabota kana gaafachuu fi adda baafachuu qaba.

Hiiki dhaaboti kun mirga hiree murteeffannaaf kennan, fedhii siyaasaa ummati Oromoo qabuun kan wal-simatu yoo ta’e malee “Ummata Oromoo bakka buuna” jechuu hin danda’an. Ummati Oromoos, yoo kana ta’e malee, dhaabota akka:Shanee, KSO, OPDO fi Federaalawaa bakka bu’aa isaa godhee fudhachuu hin qabu.

Mirga hiree murteeffannaa, kan fedhii ummata Oromoo bakkaan gahuu danda’u qabatee qabsaawaa kan jiru Adda Bilisummaa Oromoo qofa.
Kunis kan mirkanaahu, Mootummaa Walaba Oromiyaa ykn Ixoophiyaa keessaa filatuuf sagalee ummati Oromoo kennatuun( Referendum) ta’a. Guyyaa ( Referendum)sun, gaaffiin ummata Oromoof dhiyaatu, “Mootummaa walaba Oromiyaa ni barbaadda?”kan jedhu ta’a. Kan barbaadu, “Eeyye” jechuuf mirga ni qabaata;kan hin barbaannes,”Lakkii”jechuuf mirga ni qabaata. Dirqammi ABO’s, guyyaa kun mirkanaahu xumurama.Qabsoon itti aanu, mootummaa ummati Oromoo filate keessatti mirgi:ijaaramuu, yaada ofii ibsachuu, filuu fi filamuu, mormuu fi deggeruu, sosso’uu, waaqeffachuu fi kkf akka kabajamu, ummati Oromoo diinagdee isaa