Thursday, November 8, 2007

ABO fi qabsoo fi mirga hiree murteefannaa


Qabsoon mirga hiree murteeffannaa, seenaa addunyaa keessatti bakka guddaa qaba. Addunyaan, bifa har’a qabdu kan argatte, kabajamuu ykn ammoo dhiitamuu mirga hiree murteeffannaa ummatootaan akka ta’e ragaan seenaa hedduutu jira.
Dhiitama mirga hiree murteeffannaa ummatootaan, mootummooti gabroomfatoo,hedduun dhalataniiru. Dhiitamuu mirga hiree murteeffannaa isaan irra gaheen, ummatooti hedduun gabrummaa:Impaayera Ixoophiyaa Faransaa, Ingilizii, Xaaliyaa, Jaappaan, Turkii, Iraaq, Raashiyaa kkf jalatti kufaniiru. Qabsoo baroota dheeraa booda garuu;mirgi hiree murteeffannaa ummatoota kanaa kabajamee mootummooti walaba ta’an kan ummatoota kanaa dhalataniiru.
Qabsoo hadhooytuu, kudhanoota sadiif(30) ummati Eeritiriyaa godheen, mirgi hiree murteeffannaa isaa kabajameefii, Eeritiriyaa ykn Ixoophiyaa keessa akka filatan gaafatamanii, Eeritiriyaa filachuudhaan biyyi Eeritiriyaa dhalatte. Kabajamuun mirga hiree murteeffanna ummata Eeritiriyaa kun, daangaan Impaayera Ixoophiyaa, kan duraanii irra akka xiqaatu godheera.
Dhiitama mirga hiree murteeffannaatiin, ummatoota gabrummaa Impaayera Ixoophiyaa jalatti kufan keessaa, qabsoo hidhannoo dhaawwataan geggeessee mirga hiree murteeffannaa isaa kan kabachiifate, Eeritiriyaa qofa ogga ta’u, ummatooti kanneen akka Oromoo garuu;dhuma jaarraa 19ffaa irraa eegalee hanga har’aatti, mirgi hiree murteeffannaa isaanii dhiitamaa jira. Haa ta’u malee garuu;dhiitama kana jalaa bahee mirga hiree murteeffannaa isaa kabachiifatuuf, ummati kun qabsoo itti fufee jira.

Mirga hiree murteeffannaa jechuun maal jechuu dha?
Mirgi hiree murteeffannaa, hiika armaan gadii sadan of-keessaa qabaachuu ni danda’a.
1. Bifa mootummaa(tokkummaa) fedhu( unitary, federation, confederation)keessaa filatuuf mirga sabi tokko yookaan biyyi tokko qabu;
2. Walaba ta’anii jiraachuu yookaan bifa tokkummaa fedhan keessaa filachuuf mirga sabi tokko yookaan biyyi tokko qabu;
3.Carraa isaa murteeffachuuf mirga nam-tokkeen qabu kanneen akka: mirga yaada ofii ibsachuu(freedom of expressin), mirga ijaaramuu(freedom of association), mirga sosso’uu(freedom of movement), mirga wal-gahii(freedom of assembly), mirga filuu fi filamu(freedom to elect and be elected) kkf jechuu dha.

Mirga hiree murteeffannaa fi seera addunyaa.
Mirgoota seerri addunyaa kabaju fi akka kabajamu dirqu keessaa tokko, mirga hiree murteeffannaa ummatootaa ti. Akka mirga diinagdee, hawaasummaa fi aadaa seera addunyaa( International covenant on economic, social and culturan rights, article 1) aangoo 1ffaatti: “Sabooti hundi mirga hiree murteeffaannaa qabu. Mirga kana dhima bahuudhaanis, dhiibba tokko malee, sadarkaa siyaasaa(political status)isaanii murteeffachuu fi dhiibbaa tokko malee, guddina diinagdee, hawaasummaa fi aadaa kan mataa isaanii hordofuu ni danda’u. Itti fufuunis, mirgi siyaasaa seera addunyaan(International covenant on civil and political right, article 1) hayyamame, aangoo 1ffaa irratti kanuma mirkaneesse.

Dhaabota siyaasaa Oromoo fi mirga hiree murteeffannaa.
Ummati Oromoo bilisummaa akka fedhu shakkiin hin jiru. “Bilisummaa,ummati kun fedhu argamsiisuuf;dhaaba Oromoo isa kamtu akeeka qaba?” gaaffiin jedhu garuu;ifa ta’uu qaba.Dhaaboti siyaasaa Oromoo kanneen akka:ABO, Shanee(Daawwit Ibsaan hoogganamu), OPDO(wayyaaneen ijaaramee abbaa Duulaan hoogganamu), KSO(Mararaa Guddinaatiin hoogganamu), fi Federaalawaa(Bulchaa Dammaqsaatiin hoogganamu) hundi, “Mirga hiree murteeffannaa ummata”
"Oromoof dhaabbanne” haa jedhan iyyuu malee, hiiki isaan mirga hiree murteeffannaaf kennan, garaagarummaa ayinaa(quality) fi kan qabiyyee(content) hedduu qaba. Dhaaboti akka: OPDO, KSO, Shanee fi Federaalawaa, hiiki isaan mirga hiree murteeffannaaf kennan, hiika ABO’n mirga kanaaf kennu irraa adda. Qooqaan afaan faranjii(English dictionary) illee, mirga hiree murteeffannaaf, hiika sadii kenna.

Dhaabota Ixoophiyummaa Fudhatan

Dhaaboti akka: Shanee, OPDO, KSO, fi Federaalawaa, Ixoophiyummaa waan fudhataniif, mootummaa walaba Oromiyaa yookaan Ixoophiyaa jala turuu keessaa filachuuf mirga ummati Oromoo qabaachuu qabu hin fedhan;dura dhaabbatus. Dhaaboti kun, Ixoophiyummaa waan fudhataniif, bilisummaa isaa gonfachuuf fedhii ummati keenna qabu, bakkaan gahuuf akeeka hin qaban. Ofii Ixoophiyummaa waan fudhataniif, ummati Oromoos gabrummaa Ixoophiyaa jala akka turu fedhu.

Ixoophiyaa fudhachuu jechuun, lafti daangaa Eeritiriyaa irraa hanga daangaa Keeniyaa jiru;daangaa Sudaan irraa eegalee hanga daangaa Sumaaliyaa jiru(magaalaa Finifinnee waliin), lafa Ixoophiyaa ta’uu fudhachuu jechuu dha. Oromiyaan qaama Ixoophiyaa waan taateef, bilisoomuu akka hin dandeenne fudhatuu jechuu dha. Ixoophiyummaa fudhachuu jechuun, ummatooti Impaayericha keessa jiraatan, qabeennaa Oromiyaa irratti ajajuuf, Oromoo waliin mirga wal-qixa akka qabaatan fudhachuu jechuu dha. Mirga ummati biraan Oromoo bulchuuf qabu fudhachuu jechuu dha. Ixoophiyummaa fudhachuu jechuun, ummatoota Impaayericha keessa jiran hundaaf Oromiyaa hayyamuu jechuu dha. Ixoophiyummaa fudhachuu jechuun, mirga guutuu Oromiyaa irratti qabaachuu malle dabarsinee kennuu jechuu dha.

Akka dhaabota kanaatti, ummati Oromoo, biyya isaa keesatti, ummatoota biroo waliin mirga wal-qixa qabaachuu qaba. Kana jechuun, Oromoon kumkumi(miliyoonni) 40 Tigree kumkuma 3 waliin mirga wal-qixa haa qabaatu jechuu dha. Kana jechuun, Oromoo kumkumi 40, Amaara kumkuma 8 waliin mirga wal-qixa haa qabaatu jechuu dha. Walumaagalatti, Oromoon 13, Tigree 1 waliin wal-qixa haa ta’u; yookaan ammoo Oromoon 5 Amaara 1 waliin wal-qixa haa ta’u jechuu dha.

Seera herregaa, addatti dhaaboti kun ummata Oromoof baasan yoo ta’e malee, 13 fi 1(13 ≠1); yookaan 5 fi 1(5≠1) wal-qixa ta’uu hin danda’u. Oromoon 13 fi Tigreen 1 ;yookaan Oromoon 5 fi Amaarri 1 wal-qixa haa ta’u jechuun seera herregaa fi dimookiraasii(Gadaa) faallessuu qofa osoo hin taane, ummata Oromoo fi Oromiyaa tuffachu fi rakashiisuu dha. Akka dhaaboti kun yaadanitti;Oromoo fi Oromiyaan garuu;tuffatamaa fi rakasha araaja gurguramu miti. Ummata Oromoo fi Oromiyaa tuffachuu fi rakashiisuun, diinummaa dhaaboti kun Oromoo fi Oromiyaa irraa qaban kan mirkaneessu qofa osoo hin taane,osoo hin dafqin, ummata Oromoo fi Oromiyaa gabaa araajaatti gurguruun bu’aa shaffisaa(quick profit) argachuuf akeeka dhuunfaa isaan qaban ifa kan godhuu dha.
Walumaa galatti, dhaaboti kun, mootummaa walaba Oromiyaa yookaan Ixoophiyaa jala jiraachuu keessa tokko filachuuf ummati keenya mirga
akka qabaatuuf kan qabsaawan osoo hin taane, ummati Oromoo, Ixoophiyaa jalatti, mirgoota nam-tokkee kanneen akka mirga: ijaaramuu, mormuu fi deggeruu, sosso’uu, yaada ofii ibsachuu, dalaguu, filuu fi filamuu, waaqeffachuu, fi kkf akka qabaatu qofaafi.
Akka dhaabota kanaatti, ummati oromoo, Loon(saawwa) dhiisee aannan gaafachuu qaba. Akka dhaabota kanaatti, ummati Oromoo, lukkuu(hindaaqqoo) dhiisee buphaa(hanqaaquu) gaafachuu qaba. Akka dhaabota kanaatti, ummati Oromoo, mirga uumamaan qabu fi seerri addunyaa kennuuf fudhachuu dhiisee alagaa kadhachuu qaba.

ABO fi Mirga Hiree Murteeffannaa

Akeeki hundee ABO: “Mootummaa walaba Oromiyaa dhaabee iggitii eerga itti godhee booda, ummati Oromoo, dhiibbaa tokko malee, mootummaa walaba Oromiyaa ykn ammoo tokkummaa fedha isaa irratti hundaahe keessaa akka filatu haala aanjessuufii dha”

Ummati kun, bilisummaa akka filatuuf, kan dammaqsuu ijaaru fi hoogganu yoo ta’e illee, fuul-duree Oromiyaa irratti, murtii isa dhumaa kennuuf mirga kan qabaatu ummata Oromoo ti. Mirga kana dhimma bahuudhaan, sagalee kannatuun(referendum),Mootu-mmaa walaba Oromiyaa ykn Ixoophiyaa keessaa akka filatuufi ummati Oromoo gaafatama. Guyyaa ummati Oromoo sagalee kennatu(referendum), ABO’n bilisummaa Oromiyaa qabatee ummata Oromootti dhiyaata. Oromiyaa ykn Ixoophiyaa keessa filachuun garuu,mirga ummata Oromoo ti. Kaayyoon ABO’s bakka gahe kan jedhamu,ummati Oromoo akka kanatti hiree isaa yoo murteeffatee qofa. Kun oggaa bakka gahe, “mirgi hiree murteeffannaa ummata Oromoo guutummaatti kabajameera” kan jedhamuu danda’u. Mirgi hiree murteeffannaa kan: Shanee, KSO, OPDO fi Federaalawaas akka kanatti kan ABO irraa adda ta’a.

Mirga hiree murteeffannaa ummatootaa of-dura qabee aangootti kan ol-bahe mootummaan Wayyaanee, eerga aangoo qabatee garuu;gaaffii mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo dhabamsiisuuf gochaan farrummaa inni ummata kana irratti hin raawwatin hin jiru. Gaaffii kana cafaquuf tattaaffii inni godhe garuu; ummata kana of-duuba
kan deebisee osoo hin taane, daranuu kan onnachiise ta’ee argama.

Akka Wayyaaneetti, mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo of-dura qabuudhaan, akeeka dhoksaa kan dhuunfaa bakkan gahachuuf tattaafachuu dhiisanii, dhaaboti Oromoo kun, akka ABOtti, mirga hiree murteeffannaa dhaabbataniif ummata Oromoof ifa godhuu qaban.Akka Wayyaanee, dhaaboti Oromoo akka:Shanee, KSO, OPDO fi Federaalawaa akka nu kijibneef,, mirga hiree murteeffannaa isa kamiif akka dhaabbatan ummati Oromoo dhaabota kana gaafachuu fi adda baafachuu qaba.

Hiiki dhaaboti kun mirga hiree murteeffannaaf kennan, fedhii siyaasaa ummati Oromoo qabuun kan wal-simatu yoo ta’e malee “Ummata Oromoo bakka buuna” jechuu hin danda’an. Ummati Oromoos, yoo kana ta’e malee, dhaabota akka:Shanee, KSO, OPDO fi Federaalawaa bakka bu’aa isaa godhee fudhachuu hin qabu.

Mirga hiree murteeffannaa, kan fedhii ummata Oromoo bakkaan gahuu danda’u qabatee qabsaawaa kan jiru Adda Bilisummaa Oromoo qofa.
Kunis kan mirkanaahu, Mootummaa Walaba Oromiyaa ykn Ixoophiyaa keessaa filatuuf sagalee ummati Oromoo kennatuun( Referendum) ta’a. Guyyaa ( Referendum)sun, gaaffiin ummata Oromoof dhiyaatu, “Mootummaa walaba Oromiyaa ni barbaadda?”kan jedhu ta’a. Kan barbaadu, “Eeyye” jechuuf mirga ni qabaata;kan hin barbaannes,”Lakkii”jechuuf mirga ni qabaata. Dirqammi ABO’s, guyyaa kun mirkanaahu xumurama.Qabsoon itti aanu, mootummaa ummati Oromoo filate keessatti mirgi:ijaaramuu, yaada ofii ibsachuu, filuu fi filamuu, mormuu fi deggeruu, sosso’uu, waaqeffachuu fi kkf akka kabajamu, ummati Oromoo diinagdee isaa

3 comments:

Anonymous said...

Akkasii? Warra QC tu mana haaraa banatee? Safuu! Mee Oromiaonline haaromsaatii itti fayyadamaa. You need a serious website where you publish your "press releases".

Anonymous said...

Rakkoon kee QC dha moo maaloodha? ana kan na dhibu kan dandeesuu dhaqi dhaani jennaan gowwaan dhaqee niiti dhaane jedhani, warra ixopiyaa fi warra ishee barbaadaniif kayyoon ABO dhukkuba cinaachaati, Utuu waa'ee QC iyyitu barri si irraan darbe, wee waa siif him obboleesso, mee dura of bilisoomsi, isa booda isa booda wa'e Oromoo haasa'u ni dandeessa, isiin warri SQ (Shanee Qinjjiti) kun sammuun keessan habashoome jira, akka OPDO sammuun isaani Wayyanome jiru, "Titiisa irraa wantti eegamu hin jiru" SQ irraas ummati OROMOO waan eegu hin qabu. kanaaf utaalte arraba dheeratuus lafa dhaqxxu hin qabdu,kan isiin fiddaniis hin jiru, Oromiyaan ni bilisoomti,

Anonymous said...

waanumsa siif ta'u makmaakte.

Sammuun keesan diina irratti hin yaadu.Amma saba keetti galgaltee nyaatu alagaaf hin goone.

Bilisummaan siif koptara irra teessee saba kee gadi xiqeessu dhaa?

Qabasa'aa ta'uun dalgaan agarsiisu qofa.kopitaaraan qabsoon hafee jira.
ABO jettus ,maqaa feete ofiitti moogaftus sabni oromoo olola bira darbee hojii qabatama qofaatti amana.

Oromoon tokko.tokummaa oromoof hojachuun karaa.ilamaan oromoo bifa isaniif dandameen tokkummaan hojachuuf carraaqaa jiru.

Warra Qaacaa(Oromoo keesaa) fi Abashaan (Abashaa keesaa Iyaappaa)Warra EPRP tokko .bareesuun hin dadhabdan hojachuuf honnee itti hin qabdan.
Nagaan