Friday, November 23, 2007

Hoogganooti Dhaaba Qinijjiti bakka lamatti qoodamate


Oromoo cunqursuu fi Oromiyaa saamuu irratti, wal-dorgommii filmaataa wal-gidduutti bara 2005 godhanii mootummaa Ixoophiyaa fi “Qinijjit” gidduutti wal-dhabbiin dhalate osoo furmaata hin argatin, wal-dhabbiin haaraan“Qinijjit” keessatti eegaluu isaa gabaasaan magaalaa gudditti Oromiyaa Finifinnee irraa nu dhaqabe ibsee jira. Lolli “Qinijjit”keessatti dhalate kun, miseensa fi miseensa gidduutti, hooggana fi miseensa gidduutti, hooggana fi ummata gidduutti, akkasumas hooggana fi hooggana gidduutti garaagarummaa guddaa uumee jiraachuun isaa beekameera.

Gabaasaan nu dhaqabe akka ibsutti, miseensota fi deggertoota “Qinijjit” isaan “ni hoogganna” jedhan hedduu kan ajjeessee fi dhiiga isaanii akka lolaa jigse mootummaa wayyaanee jaarsummaa itti ergatanii dhiifama gaafachuun mana hidhaatii bahuun hoogganoota “Qinijjit”kun miseensota fi deggertoota dhaaba kanaa guddoo kan aarse qofa osoo hin taane, hooggana dhaaba “Qinijjit”kana irraa ummati Amaaraa abdii akka kutatu godheera.

Kan ilmaan keenya lubbuu itti dhaban fi dhiiga itti dhangalaasan;hidhaa sodaatuun wayyaanee dhiifama gaafachuun mana hidhaatii bahuun hoogganoota dhaaba “Qinijjit”, ummata Amaaraaf osoo hin taane maqaa keenyaan aangoo Ixoophiyaa qabachuuf hawwii isaan qaban kan saaxilee dha.” jechuudhaan jaarsi Amaaraa miseensa dhaaba “qinijjit”ture fi maqaan isaa akka hin saaxilamne barbaadu aariidhaan yaada inni hoogganoota “Qinijjit”irratti kennate, maddi keenya itti dabalee nuuf gabaaseera.

Ummati Amaaraa fincilee mana hidhaatii akka isaan baasutti abdatanii kun osoo hin ta’in hafuu isaa irraa, hoogganooti “Qinijjit”kun ummata Amaaraa irraa abdii dhabaa dhufuun fi gariin hojii isaa duriitti deebi’uuf murteeffachaa akka jiran kan miseensoti fi deggertooti “Qinijjit” dubbatan tuquun maddi keenya nu addeesseera.

Dhaaba “Qinijjit” abdachuudhaan, biyyoota alaa irraa dhufanii indoo(investment) addaa addaa irratti kanneen bobba’nii turan fi “Qinijjit’n deggeraan Amaaroti gariin, ammaan tana abdii kutachuudhaan, qabeennaa isaanii garii gurguruun gariif ammoo fira bakka buufachuun biyya irraa dhufanitti deddebi’aa akka jiran madda keenya irraa odeeffannoon argame ni hubachiisa.

Gama biroon ammoo, wal-dhabbiin “Qinijjit” keessa jiru kan Lidetuu Ayyaalewuun eegale hoogganoota “Qinijjit” gad hafan gidduutti itti fufee jiraachuu fi Fulbaana 20, 2007 irraa eegalee gartuu Haayiluu Shawul fi Biraanuu Naggaa gidduutti wal-qooduun mana murtii biyya Kanaadaa wal-dhaabaa jiraachuu isaanii maddi keenya Kanaadaatti argamu nuuf gabaaseera.

Akka waan mootummaa Wayyaanee kuffiseetti kan dhaadachaa ture dhaabi “Qinijjiti” kun, jeeqamsa keessaatiin qabamuu isaa kanneen ajaa’ibsiifatan “,bara 2005 aangoo osoo qabatee, Impaayeratti maal godhuuf ture?” jechuudhaan dhaabi kun amantaa, sirna fi qindoomina akka hin qabne namooti hedduun yaada kennatu.

Wal-dhabbiin Haayiluu Shawul fi Biraanuuu Naggaa gidduutti dhalate miseensota fi deggertoota dhaaba kanaa qofa osoo hin taane, Amaarota fi Guraagee illee akka gargar qoodaa jirutu dhagahama. Gareen lameenuu, deggertoota fi miseensa of-jala hiriirsuuf olola wal-irratti oofuu eegalanii jiran. Jeeqamsa 2005 dhaaba isaanii mudateefis wal-himachuu fi tokko tokkotti quba qabaa jiraachuutu dubbatama.

Tumsa Dimookiraasii, kan Shaneen miseensa itti taate keessa dhaabi jiru tokko ‘Qinijjit”. Kanaaf, wal-dhabbiin “Qinijjit” keessatti dhalate tumsa kana tuqeera. Akka kanaan, qoodama “Qinijjitiin”mudate kana keessatti gama eennu akka dhaabbatu dhabdee Shaneen jeeqamaa akka jirtutu dubbatama.

Wal-dhabbii “Qinijjit” keessatti dhalate kanaan, humni murmitootaa irraa cabuu qofa osoo hin taane, ‘Qinijjit’dhadhabaan qabsoo bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuuf isii tumsu fi fakkii dimookiraasii kennuufii danda’u tokko akka jiraatuuf, mootummaan Wayyaanee ,garee lameen keessaa tokko waliin haasoftee araaramuun hojii isaanii biyyatti deebi’anii akka eegalan Mootummaa Ameerikaa keessaan carraaqaa akka jirtutu dubbatama. Motummaan Wayyaanee, kanneen duubbee EPRP qaban’Qinijjit’keessaa akka baatu waan barbaadduuf, gaaffii Wayyaanee kanaaf deebii kennuuf waanni “Qinijjit’keessatti godhamuuf deemu illaa, madda jeequmsa biroo ta’u akka danda’utu tilmaamama. Walumaagalatti, dhaabi “Qinijjit” kun humna isaa arma duraatti deebi’ee Wayyaaneef sodaachisaa ta’uuf waggoota isa fudhata” jechuudhaan hayyooti siyaasaa tokko tokko yaadaa kennachaa jiru.


No comments: