Tuesday, February 19, 2008

ABO fi Qabsoo mirgaa hiree murteeffannaa Oromoo

‘Karaa Bilisummaa”, ji’a Onkoloolessaa 2007 fi Sadaasa 2007 maxxanfame irratti, akeekaa fi tarsiimoon qabsoo mirga hiree murteeffannaa ABO’n geggeeffamuu maal akka ta’e ilaalleerra. Maxxansa baatii Afraasaan (Muddeen) ammoo, olola dharaa (kijibaa) qabsoo ABO’n geggeeffamu irratti oofamaa jiru saaxiluu fi deebii itti kennuudhaan nuhi ummati Oromoo ka godhuu qabnu yaada waliif qoodna.

1. Lolaan injifachuu irratti.

Injifatnoon Xumuruu

Haallen, qabsoon bilisummaa Oromoo keessatti deemaa jiru wal’aaluu, qabsoo mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo gufachiisuuf akeeka qaban fi dadhabbii isaanii dhoyfachuuf karoora qaban irraa, Oromiyaan qabsoo hidhannootiin bilisoomuu akka hin dandeenne kanneen falman, akka jiran ni beekama. Of-duuba deebinee, qabsoo ummatoota adda addaa fi kan ABO’n geggeeffamaa jiru yoo ilaalle garuu, ABO’n, qabsoo hidhannoo geggeessaa jiru injifatnoon xumuruu akka danda’u hubanna. Kana hubachuufis kannen armaan gadii haa ilaallu.

Eeboo fi dhagaadhaan.

Biyyi Aaljeeriyaa, (Kaaba Afriikaatti argamti) bara 1830tti gabrummaa biyya Faransaa jalatti kufte. Haa ta’u malee, ummati Aaljeeriyaa, olaantummaa humna waraanaa, meeshaa lolaa fi diinagdee Faransaan qabaachaa turte sodaatee gabrummaa Faransaa kana callisee hin ilaalle. Eeboo fi dhagaadhaan, meeshaa lolaa Faransaa irraa hiikkatee hidhachuudhaan, biyya isaa gabrummaa Faransaa jala bilisa basuuf, ummati Aaljeeriyaa bara 1945 qabsoo eegale. Qabsoo ummata Aaljeeriyaa kana cabsuudhaaf, tooftaa mootummaan Faransaa dhimma itti hin bahin hin jiru ture. Gochaa shororkeessummaa mootummaan Faransaa irratti raawwateen ummati Aaljeeriyaa nagaa dhabe. Lafa isaa irraa buqqifamee ummati Faransaa irra qubsiifame. Ummati Faransaa Aaljeeriyaa keessa qubsiifame, baay’ina ummata Aaljeeriyaan wal-qixa ture. Ummati Aaljeeriyaa, eenyummaa isaa gatee(policy of assimilation) kan Faransaa akka fudhatu taasifame. Jireenni :siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa ummata Aaljeeriyaa Faransaan dhuunfatame,

Shororkeessitoota fakkeessuun

Bara 1956, hoogganoota qabsoo bilisummaa ummata Aaljeeriyaa wal-gahiif Morookoo dhaqanii deebi’an xiyyaaraan butuudhaan hidhuunii fi ummata Aaljeeriyaa mootummaa shororkeessaa Faransaa baqatee biyyoota ollaatti qubate xiyyaaraan irratti duulameera.Qabsaawota ummata kanaa, shororkessitoota fakkeessuun ololli irratti oofames daangaa hin qabu ture. Shiboo koreentiitiin daangaa marsanii dallaa ijaaruun, mootummaan Faransaa, Humni Adda Bilisummaa Lammi(National Liberation Front) Aaljeeriyaa akk hin seenneef ture. Kana hunda yoo tattaafate illee, mootummaan Aaljeeriyaa milkaahuu hin dandeenne.

Jijjiirama fakkeessaa.

Tooftaa kana cufa dhimma itti bahu illee, qabsoo ummata Aaljeeriyaa cabsuu fi dhabamsiisuu kan dadhabe mootummaan Faransaa, dhiibamee jijjiirama fakkeessaa( cosmetic change) tokko tokko eegale. Akka kanaan, diinagdee babal’isuu fi jijjiirama siyaasaa xixiqqaa godhuu eegale. Haa ta’u malee, kaayyoon ummata Aaljeeriyaa bilisummaa waan tureef, jijjiirama fakkeessaa kanaan osoo hin dagamin, qabsoo hidhannoo kan itti fufe ummati Aaljeeriyaa, mootummaa Faransaa jilbeenfachiisee baatii Adoolessaa bara 1962 bilisummaa isaa gonfateera. Akka kanatti, bara 1830 kan gabroomfatame ummati Aaljeeriyaa, waggoota 132 booda, qabsoo hidhannootiin Faransaa irraa bilisoomee mootummaa walaba ijaarrachuu danda’eera.

Biyyooti akka Zimbaabuwee fi Keenyaa bara 1890 gabrummaa Ingilizii jalatti kufan, qabsoo hidhannootiin mootummaa Ingilizii raasanii diriira araaraatti (negotiating table) eerga dhiyeessanii booda Keenyaan bara 1963, Zimbaabuween ammoo bara 1980 kolonii Ingilizii jalaa bilisa bahanii mootummaa ripubilikii ijaarrataniiru. Keenyaan waggota 73’f gabrummaa Ingilizii jala kan turte oggaa ta’u, Zimbaabuween ammoo wagoota 90’f gabrummaa Ingilizii jala turte.

Bilisummaa ykn tokkummaa

Ummati Kibba Sudaanii, bara 1820 irraa eegalee gabrummaa Otomaan, Mahaadii, Ingilizii fi Arabootaa jala jiru, qabsoo hidhannoo bara 1955 eegale murannoodhaan itti fufee mootummaa kaaba Sudaan dirquudhaan diriira araaraatti fiduu danda’eera. Akka kanatti, bara 2005 haasaa araaraa SPLA fi mootummaa Kaaba Sudaan gidduutti ta’een ummati Sudaan bilisummaa yookaan tokkummaa keessaa akka filatu irratti walii galameera. Ummati Kibba Sudaan, gabrummaa jalatti eerga kufee waggoota 187 booda, sadarkaa har’a irra jiru gahuu kan danda’eef, qabsoo hidhannoo bara 1955 eegale hanga bara 2005tti murannoodhaan waan itti fufeefi. SPLA’n, humna guddaa qabatee mootummaa Kaaba Sudaan waliin akka walii gale beekamaa dha.

Diriira Araaraa

Ummata Afriikaa Kibbaa, gabrummaa Ingilizii jalaa bilisa kan baase dhaabi “Kora Saba Afriikaa” (African National Congress) bara 1912 ijaarame. Hayyu Dureen dhaaba kanaa, Nilsen Mandeellaan, “Generaal” Taaddasaa Birruutiin Oromiyaatti tooftaa lolaa leenjifameera. Waraanni dhaaba kanaa “Eeboo Biyyaa” jedhamu fi bara 1961 ijaarameen qabsoon hidhannoo geggeeffame, Ingilizii dirqee diriira araaraatti fideera. Akka kanaan, haasaa araaraa bara 1990 0godhame fi filmaata 1994 ta’een ummati Afriikaa Kibbaa hiree isaa murteeffachuun mootummaa bilisa ijaarrateera. Ummati Afriikaa Kibbaa ganna 300’f gabrummaa jala kan ture oggaa ta’u, Korri Saba Afriikaa ijaaramee waggoota 84 booda, ummata Afriikaa Kibbaa bilisoomsuu danda’eera.

Lola haqaa waan tureef

Qabsoo hidhannoo gannoota 30’f geggeesseen, ummati Eeritiriyaa waraana “Dargii” hidhannoo fi leenjisaan Afriikaa keessatti tokkoffaa ture fi baay’inaan walakkaa kumkum(miliyoonaatti)tokkotti tilmaamamu caccabsee bara 1991 biyya Eeritiriyaa gabrummaa Impaayera Ixoophiyaa irraa bilisa baseera. Lolli ummata Eeritiriyaa fi mootummaa “Dargii” gidduutti geggeeffame, lola haqaa waan tureef, waraanni xiqqaan ummata Eeritiriyaa waraana Dargii guddaa sana barbaadessuu danda’eera.

Biyyi Ameerikaa,.gabrummaa Ingilizii jala kan turte oggaa ta’u, qabsoo hidhannoo hoogganummaa Waashingtoniin geggeeffameen Ingilizii injifattee 1783 bilisoomteetti.

Akkuma kana, gabrummaa Ameerikaa fi Faransaa jala kan turte Veetinaam, gabrummaa Raashiyaa jala seentee kan turte Paakistaan, gabrummaa Indoneeshiyaa jala kan turte Tiimoor Bahaa, qabsoo hidhannootiin bilisoomaniiru.

Ulee fi eeboon bobba’ee

Seenaa qabsoo ABO irraa, wanneen barataman hedduutu jiru.

Waraanni Bilisummaa Oromoo, ulee fi eeboon bobba’ee: qawwee, taankii, BM, Zu fi meeshaalee biroo booji’eera. Akkasumas, humna sagilii tokko irraa gara kutaa waraanaatti guddatee dirree bilisoomseera. Sodaa guddaa Dargiin qabaachaa ture kan wayyaanee fi Shaabiyaa osoo hin taane kan ABO ture. Qabsoon hidhannoo dhaaba kanaan geggeeffamaa ture, eennummaa fi yaayyoo (map) Oromiyaa mirkaneessee, qabsoo bilisummaa Oromoof bu’ura barbaachisu buuseera. Qabsoo hidhannoo, ABO’n geggeesseen, hundeen Impaayera Ixoophiyaa kan raafame oggaa ta’u, gaaffiin bilisummaa Oromoo, siyaasaa Impaayera Ixoophiyaa keessatti dhimma hangafaa ta’ee argama. Kana qofa osoo hin taane, qabsoo hidhannoo ABO’n geggeessaa jiru, of-irratti abdannoo (self-confidence) fi of-irratti irkannoo (self-reliance) ummati Oromoo bilisummaa Oromiyaaf qabaachuu qabu kan mirkaneesse qofa osoo hin taane, Oromiyaa bilisoomsuuf murannoo ummati Oromoo qabu fi gaaffiin bilisummaa Oromoo deebii osoo hin arganne Gaanfa Afriikaa keessatti nagaan akka hin argamne dhaamsa jabaa addunyaaf dabarsaa jira. Qabsoon hidhannoo ABO’n geggeeffamaa jiru, hundee Impaayera Ixoophiyaa kan raasee fi Oromiyaan akka bilisoomtu kan mirkaneessee dha. Kana qofa osoo hin taane, qabsoo hidhannoo dhaabi kun geggeesseen, har’a, afaan Oromoo afaan:hojii, saayinsii, teekinooloojii, barnootaa fi qormaataa (research) ta’eera.

Biyyooti gabrummaa jalatti kufanii, qabsoo hidhannootiin bilisooman isaan kana qofa osoo hin taane hedduu dha. Afriikaa keessaa illee qabsoo hidhannootiin kanneen bilisooman biroon hedduu dha.

Kanaaf, akkuma biyyooti kanneen armaan olii qabsoo hidhannoo geggeessuun bilisummaa isaanii argatan, nuhi ummati Oromoo, qabsoo hidhannootiin bilisummaa keenya argachuu waanni nu dhowwu hin jiru.

Biyyi Eeritiriyaa, baay’ina ummataan haalaan xiqqaattu fi qabeennaa uumamaa fi teessuma lafaatiin Oromiyaan hin qixxaanne, humna waraanaa Afriikaa irratti tokkoffaa ture qabsoo hidhannootiin kan daaressite, Oromiyaan qabsoo hidhannootiin bilisoomuu hin dandeessu jechuun, ummata Oromoo tuffachuu(contempt) qofa osoo hin taane, diinummaa dha.

Qaanyiin kana caalu..

Oromiyaan qabsoo hidhannootiin bilisoomuu akka hin dandeennetti dhiyeessuun,waan ummati Eeritiriyaa bicuun sun hojjete nuhi Oromoon hojjetuu hin dandeennu jechuu dha. Waan ummati Eeritiriyaa miliyoonni afur hojjete, nuhi ummati Oromoo miliyoonni 50 hojjetuu hin dandeennu jechuun of-tuffachuu fi of-arrabsuu dha. Kana jechuun, waanni nammi Eeritiriyaa 1 hojjetu Oromoon 12 hojjetuu hin danda’u jechuu waan ta’eef qaanyiin kana caalu hin jiru.

Qabsoon mirga hiree murteeffannaa Oromoo, ABO’n geggeeffamu, maslufummaa dantaa dhuunfaa, hinaaffaa, aarii, dandeettii dhaba, sodaa, wal’aalummaa, xiiqii,hamilee fi murannoo dhabuu, of-tuulummaa, of-tuffii, jibba fi umurii Oromooti tokko tokko qabaniin safaramuus hin qabu. Ofii sodaataa, maslufa, kan hinaafu, dandeettii fi haamilee hin qabne, fi ummata Oromoof kan hin yaadne, nammi biroonis akkuma isaa akka ta’etti fudhachuun dogoggora.

Gooti Oromoo rasaasatti fiigu kummi hedduun akka jiru seenaan qabsoo hidhannoo ABO ragaa dha. “Ani yoon umuriin dulloome, kaayyoon bilisummaa Oromoos ana waliin haa dulloomujechuu caalaa ofittummaa fi shirri hin jiru. “Ani yoo du’e, qabsoon ummata Oromoo ana waliin haa du’ujechuun diinummaa fi ummata Oromoo tuffachuu dha. Qabsoon bilisummaa Oromoo, cunqursaa fi saamicha Oromoo irra gahu, dandeettii Oromoon fi Oromiyaan qabdu fi fedhii ummati Oromoo bilisummaaf qabu qofaan safaramuu qaba.

Fedhiin ummata Oromoo bakka hin geenne yoo ta’e, qabsoon hidhannoo ittuma fufuu qaba. Ummati Keenyaa gannoota 73’f gabrummaa jala turee kan bilisoome oggaa ta’u, ummati Zimbaabuwee ammoo gannoota 90’f gabrummaa jala turee kan bilisoomee dha. Ummati Aaljeeriyaa, gannoota 132’f gabrummaa jala turee kan bilisoome oggaa ta’u, ummati Sudaan Kibbaa ammoo gabrummaa gannoota 187 booda karaa nagaa hiree isaa murteeffachuuf carraaqaa jira. Ummati Afriikaa Kibbaa gannoota 300’f gabrummaa jala turee kan bilisoome oggaa ta’u ummati Afriikaa, Ameerikaa keessa qubatu, gannoota 300 booda mirgi isaa Ameerikaa keessatti akka kabajamu godheera.

Obsa fi murannoodhaan.

Isaan kun, gannoota dheeraa kanaaf gabrummaa jala yoo turan illee,obsa fi murannoodhaan qabsoo isaanii itti fufanii dhalootaa irraa dhalootatti dabarsuun diina isaanii dadhabsiisanii dhuma irratti bilisummaa isaanii gonfataniiru. “Qabsoo bilisummaa Oromoo, dandeennu bakkaan geenna;dadhabnu ammoo ilmaan itti guddifna” jechuudhaan Jeneraal Waaqoo Guutuu kan dubbateefi qabsoo hidhannoon milkaahuu akka dandeennu hubachuu irraa ture. “Qabsoon bilisummaa Oromoo itti fufuu qaba. Ummati Oromoo maseena miti;ilmaan itti guddifna” jechuudhaan kan J/Galaasaa Dilboo dubbate kanuma mirkaneessa. Waan kana ta’eef, ummati Oromoos akkuma biyyota armaan olii obsaa fi murannoodhaan qabsoo hidhannoo yoo itti fufe, bilisummaa isaa akka hin arganne kan isa dhorku hin jiru. Sadarkaan dammaqiinsa ummata keenyaa, muuxannoo rasaasaan qorame ABO’n qabu, qabsoo ummatootaa irraa barnoota argame, haala diinaa fi biyyota ollaa fi bilisummaaf fedhii fi murannoo ummati keenya qabu bilisummaa Oromiyaa kan mirkaneessu akka ta’e shakkiin hin jiru.

Gaara mul’ataa,dhiibanii jissuuf tattaafatuu.

Ummata Orooo miliyoona 50 keessaa, kanneen rakkina keessatti of-irratti abdatan (aplomb) fi bilisummaaf fedhii guddaa qaban (alacrity) 2.5% ijaaruu jechuun Oromoo miliyoona tokko ijaaruu jechuu waan ta’eef Oromiyaa bilisoomsuun akka danda’amu ifaa dha. Haala qabatamaa kana hubachuu dadhabuudhaan diinatti harka kennatanii irriba gabrummaa kanneen rafaa jiran fi rafuu barbaadan, yeroo isaan itti dammaqan fi kiyyoo hafuura gabrummaa (sprit of slavery) keessaa itti bahan amma. “Qabsoon hidhannoo Oromiyaa bilisoomsuu hin danda’u”olola jedhu oofuudhaanis, ummata Oromoo qabsoo irraa daguun (ruse) qabsoo bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuuf tattaafatuun, gaara mul’ataa dhiibanii jissuuf tattaafatuu akka ta’e beekamuu qaba.

Kanaaf, nuhi ummati Oromoo, akkuma ummatooti hedduun ittiin bilisooman, qabsoo hidhannootiin bilisoomuu waanni nu dhorku waan hin jirreef, qabsoo hidhannoo ABO irratti warri olola oofan, bilisummaa Oromiyaa arguu warra hin barbaanne ta’uu beeynee, qabsoo hidhannoo ABO’n geggeeffamutti haa dirmannu.

2. Baaquleessa (Globalization)

“Barri kun bara baaquleessaa, bara addunyaan gara tokkummaatti deemaa jirtu waan ta’eef, qabsoon bilisummaa Oromiyaa bakka hin qabu” jechuudhaan ololli oofamus ni jira. Ololli dharaa kun (black propaganda), qabsoo bilisummaa Oromiyaa dura dhaabbachuuf kan tolfame (fabrication) yoo ta’e malee, “baaquleessaan” farra qabsoo bilisummaa Oromoo ta’ee miti. Baaquleessi, qabsoo bilisummaa Oromoo kan gargaaru akka ta’e;akkasumas qabsoon bilisummaa Oromoo, baaquleessa gargaaruu akka danda’u, armaan gadiitti haa ilaallu.

Baaquleessi, akkaataa duraan argamee hin beekamneen olitti, :gabaan, finnooti sabaa fi teekinooloojiin wal-fudhataa (integrated) waan dhufeef, shaffisaan, rakkasa fi gad-fageennaan:nam-tokkeen, finnooti sabaa (nation states) fi korporeshenooti addunyaa kana irraa bakka fagoo dhaqabuu fi addunyaanis, shaffisaan, rakasha fi gad-fageennaan :nam-tokkee, Finnoota Sabaa fi korporeeshenoota bakka fagoo jiran dhaqabuu akka ta’e,Thomas L. Fuedman ni ibsa. Akeeki “baaquleessaa” albuuda (raw materials) fi gabaa oomishaa (products) ittisa tokko malee dhimma itti bahuun bu’aa (profit) argamu dhuunfachuu (monopolize) fi guddisuuf (maximize) kan hojjetu akka ta’ettis ni beekama.

Sirni “baaquleessaa” kun, jiraachuu, babal’achuu fi guddachuu kan danda’u, nagaan haqaa (just peace) yoo jiraate qofa. Nagaan haqaa jiraachuu kan danda’u ammoo, mirgi ilmoo namaa yoo kabajame qofa. Mirgi ilmoo namaa kan kabajamu, dimookiraasiin yoo jiraate (gadaan) qofa. Gaaffiin ummata Oromoo, kan mirga hiree murteeffannaa, nagaa fi tasgabbii (peace and stability) baaquleessi keessatti guddatu fi misu Gaanfa Afriikaa keessatti argamsiisuu waan danda’uuf akka kanatti bilisummaan Oromiyaa baaquleessa gargaara.

Baaquleessaan, meeshaalee teekinooloojii kan qabsoon keenna dhimma itti bahuu danda’u hedduu waan uumeef, ,itti madaquun (adapt) bu’aa irraa argamuu danda’u yoo irraa buufanne baaquleessi qabsoo keenna ni gargaara.

Gama birootiin, bara baaquleessaa kana keessaa, impaayerri hedduun diigamanii mootummooti bilisa ta’an hedduun dhalataniiru. Biyyooti Afriikaa hedduun kan bilisooman, Impaarri Soovet kan diigame,Eeritiriyaan Impaayera Ixoophiyaa irraa, Montineegroon Serbiyaa irraa, Timoor Bahaa Indoneeshiyaa irraa kan bilisooman, Chakosolovaakiyaan Cheeki fi Slovaakitti kan qoodame baruma baaquleessaa kana. Cheechiniyaan Raashiyaa irraa, Ummati Sahaaraa Morookoo irraa, Kosovoon Serbiyaa irraa, Sudaan Kibbaa, Sudaan Kaabaa irraa, “Ireland” Ingilizii irraa, bilisummaa ykn tokkummaa keessaa filachuuf qabsaawaa jiru. Kubeek, Kanaadaa irraa, Baski, Speen irraa,Kurdi, Turkii irraa, “Scotland”Ingilizii irraa bilisoomuuf qabsaawaa jiran. Qabsoon bilisummaa, Awurooppaa keessatti illee geggeeffamaa jira jechuu dha.

Waan kana ta’eef, “tokkummaa malee bilisummaan hin feesisu” warri jedhan, farreen bilisummaa Oromiyaa ta’uu beeynee, olola kana irraa of-eeggachuu, dura dhaabbachuu fi saaxiluudhaan qabsoo bilisummaa Oromiyaa haa finiinsinu.

Injifatnoon Ummata Oromoof!

Wabii Oromiyaa

Baha Oromiyaa, Asabooti irraa

Friday, November 23, 2007

Hoogganooti Dhaaba Qinijjiti bakka lamatti qoodamate


Oromoo cunqursuu fi Oromiyaa saamuu irratti, wal-dorgommii filmaataa wal-gidduutti bara 2005 godhanii mootummaa Ixoophiyaa fi “Qinijjit” gidduutti wal-dhabbiin dhalate osoo furmaata hin argatin, wal-dhabbiin haaraan“Qinijjit” keessatti eegaluu isaa gabaasaan magaalaa gudditti Oromiyaa Finifinnee irraa nu dhaqabe ibsee jira. Lolli “Qinijjit”keessatti dhalate kun, miseensa fi miseensa gidduutti, hooggana fi miseensa gidduutti, hooggana fi ummata gidduutti, akkasumas hooggana fi hooggana gidduutti garaagarummaa guddaa uumee jiraachuun isaa beekameera.

Gabaasaan nu dhaqabe akka ibsutti, miseensota fi deggertoota “Qinijjit” isaan “ni hoogganna” jedhan hedduu kan ajjeessee fi dhiiga isaanii akka lolaa jigse mootummaa wayyaanee jaarsummaa itti ergatanii dhiifama gaafachuun mana hidhaatii bahuun hoogganoota “Qinijjit”kun miseensota fi deggertoota dhaaba kanaa guddoo kan aarse qofa osoo hin taane, hooggana dhaaba “Qinijjit”kana irraa ummati Amaaraa abdii akka kutatu godheera.

Kan ilmaan keenya lubbuu itti dhaban fi dhiiga itti dhangalaasan;hidhaa sodaatuun wayyaanee dhiifama gaafachuun mana hidhaatii bahuun hoogganoota dhaaba “Qinijjit”, ummata Amaaraaf osoo hin taane maqaa keenyaan aangoo Ixoophiyaa qabachuuf hawwii isaan qaban kan saaxilee dha.” jechuudhaan jaarsi Amaaraa miseensa dhaaba “qinijjit”ture fi maqaan isaa akka hin saaxilamne barbaadu aariidhaan yaada inni hoogganoota “Qinijjit”irratti kennate, maddi keenya itti dabalee nuuf gabaaseera.

Ummati Amaaraa fincilee mana hidhaatii akka isaan baasutti abdatanii kun osoo hin ta’in hafuu isaa irraa, hoogganooti “Qinijjit”kun ummata Amaaraa irraa abdii dhabaa dhufuun fi gariin hojii isaa duriitti deebi’uuf murteeffachaa akka jiran kan miseensoti fi deggertooti “Qinijjit” dubbatan tuquun maddi keenya nu addeesseera.

Dhaaba “Qinijjit” abdachuudhaan, biyyoota alaa irraa dhufanii indoo(investment) addaa addaa irratti kanneen bobba’nii turan fi “Qinijjit’n deggeraan Amaaroti gariin, ammaan tana abdii kutachuudhaan, qabeennaa isaanii garii gurguruun gariif ammoo fira bakka buufachuun biyya irraa dhufanitti deddebi’aa akka jiran madda keenya irraa odeeffannoon argame ni hubachiisa.

Gama biroon ammoo, wal-dhabbiin “Qinijjit” keessa jiru kan Lidetuu Ayyaalewuun eegale hoogganoota “Qinijjit” gad hafan gidduutti itti fufee jiraachuu fi Fulbaana 20, 2007 irraa eegalee gartuu Haayiluu Shawul fi Biraanuu Naggaa gidduutti wal-qooduun mana murtii biyya Kanaadaa wal-dhaabaa jiraachuu isaanii maddi keenya Kanaadaatti argamu nuuf gabaaseera.

Akka waan mootummaa Wayyaanee kuffiseetti kan dhaadachaa ture dhaabi “Qinijjiti” kun, jeeqamsa keessaatiin qabamuu isaa kanneen ajaa’ibsiifatan “,bara 2005 aangoo osoo qabatee, Impaayeratti maal godhuuf ture?” jechuudhaan dhaabi kun amantaa, sirna fi qindoomina akka hin qabne namooti hedduun yaada kennatu.

Wal-dhabbiin Haayiluu Shawul fi Biraanuuu Naggaa gidduutti dhalate miseensota fi deggertoota dhaaba kanaa qofa osoo hin taane, Amaarota fi Guraagee illee akka gargar qoodaa jirutu dhagahama. Gareen lameenuu, deggertoota fi miseensa of-jala hiriirsuuf olola wal-irratti oofuu eegalanii jiran. Jeeqamsa 2005 dhaaba isaanii mudateefis wal-himachuu fi tokko tokkotti quba qabaa jiraachuutu dubbatama.

Tumsa Dimookiraasii, kan Shaneen miseensa itti taate keessa dhaabi jiru tokko ‘Qinijjit”. Kanaaf, wal-dhabbiin “Qinijjit” keessatti dhalate tumsa kana tuqeera. Akka kanaan, qoodama “Qinijjitiin”mudate kana keessatti gama eennu akka dhaabbatu dhabdee Shaneen jeeqamaa akka jirtutu dubbatama.

Wal-dhabbii “Qinijjit” keessatti dhalate kanaan, humni murmitootaa irraa cabuu qofa osoo hin taane, ‘Qinijjit’dhadhabaan qabsoo bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuuf isii tumsu fi fakkii dimookiraasii kennuufii danda’u tokko akka jiraatuuf, mootummaan Wayyaanee ,garee lameen keessaa tokko waliin haasoftee araaramuun hojii isaanii biyyatti deebi’anii akka eegalan Mootummaa Ameerikaa keessaan carraaqaa akka jirtutu dubbatama. Motummaan Wayyaanee, kanneen duubbee EPRP qaban’Qinijjit’keessaa akka baatu waan barbaadduuf, gaaffii Wayyaanee kanaaf deebii kennuuf waanni “Qinijjit’keessatti godhamuuf deemu illaa, madda jeequmsa biroo ta’u akka danda’utu tilmaamama. Walumaagalatti, dhaabi “Qinijjit” kun humna isaa arma duraatti deebi’ee Wayyaaneef sodaachisaa ta’uuf waggoota isa fudhata” jechuudhaan hayyooti siyaasaa tokko tokko yaadaa kennachaa jiru.


Tuesday, November 13, 2007

Seenaa Chee Guuveeraa

Baatii Onkoloolessa, gaafa ja’aa irraa eegalee, mata dureelee sab-quunnamtii addunyaa harkisan keessaa guddichi, waa’ee”Chee Guuveraa” ti.Kanaaf, seenaa nama kanaa gabaabsinee ilaalla.

BBC’n akka gabaasetti, Chee Guuveeraan, dhalootaan nama Aarjentiinaa oggaa ta’u bara 1928 kan dhalatee fi sadarkaa barnootaan ammoo doktoota ture. Chee Guuveeraan, sadarkaa barnoota isaa kanaan jireenya qananii jiraachuu osoo danda’uu, cunqursaa gabroofatootaa jalaa bahuuf qabsoo ummatooti addunyaa geggeessan gargaaruuf murteeffatee nama biyya isaatii bahee dha .

Akka kanaan, biyya isaa Aarjentiinaa irraa ka’ee, biyya Kiyuubaa seenuudhaan, cunqursaa Batistaa jalaa bilisa bahuuf warraaqsa Kiyuubaa keessatti geggeeffameen injifatnoo bara 1959 ummati Kiyuubaa argate, Fidel Kaastiroo waliin kan hogganaa turee dha.

Kiyuubaa Batistaa jalaa bilisoomte keessatti, bulchaa baankii waaltaa fi jallaaba(ministeer) hoomishaalaa(industirii) ta’ee Fidel Kaastiroon haa ramadamu iyyuu malee, addunyaa kana irraa, cunqursaa fi saamichi akka badu waan barbaaduuf, warraaqsa farra cunqursaa biyoota biroo keessatti geggeeffaman, itti fufee gargaaruuf jecha biyya Kiyuubaa gad-dhiise.

Bara kudhanii sagal jaatamoota(1960’s) keessa, gabrummaa jalaa bahuuf, qabsoo riphee lolaa biyyooti Afriikaa geggeessaa turan leenjisaan gargaaruuf jecha biyoota akka: Koongoo, Maalii, Aaljeeriyaa fi kkf dhaqeera.

Chaa Guuveeraan, arma irraa itti fufee, cunqurfamtoota gargaaree jijjirama fiduuf jecha, Onkoloolessa7, 1967 biyya Boolibiyaa seene. Akka biyyoota biroo keessatti milkaahetti garuu;biyya kana keessatti milkaahuu hin dandeenne. Akkuma inni Boolibiyaa seeneen, Keettoon Basaasa Waaltaakan biyya Ameerikaa(CIA), waraana mootummaa Booliviyaa yeroosii dhimma bahuudhaan to’annaa jala oolche. To’annaa jala oolchanii osoo hin turre, Onkoloolessa 8, 1967 rasaasa itti roobsuun ajjeessanii bakka awwaala isaa illee dhoksan jedhama.

Haa ta’u malee garuu; tattaaffii Fidel Kaastiroon godheen, bakki awwaala isaa bara 1997 argamee sirnaan awwaalameera. Waggaa afurtammaaffaa “Chee Guuveeraan”itti du’e, Onkoloolessa 8, 2007 addunya kana irraa bakka hedduutti kabajamee ooleera.

Ummati Kiyuubaa kuma kudhanii ol ta’u, hooggana Chee Guuveeraatiin bakka bilisoome-Havaanaa keessatti kan argamu-Santa Kaartaatti argamee ilillii kaa’uudhaan kabajaa, ulfinaa fi jaalala qabuuf agarsiiseera..

Gaazexaa Kiyuuba keessatti maxxanfamu irratti,”ilillii yeroo malee damee irraa cite”jechuudhaan, du’a Chee Guuveeraatti gadda itti dhagahame Fidel Kaastiroon ibseera. Jaarsi waggaa saddeetamaa, kan ajaja Chee Guuveeraa jalatti lolaa ture, “fakkeenya gaarii warraaqtotaa ti.jechuudhaan jaala isaa kan ture Chee Guuveeraa faarseera. Ummati Kiyuubaa hundi, Chee Guuveeraa, akka goota biyyatti ilaala.

Ummati Booliiviyaa kuma hedduutti tilmaamamus, bakka inni itti ajjeefametti argamee ilillii kaa’uufiin kabajee ooleera. Kana qofa osoo hin taane, ummati Booliviyaa gariin, “maqaa Chee Guuveeraatiin waaqa yoo kadhanne waaqi nuu dhagaha;kanaaf inni akka waaqaaa ti” jechuudhaanis jalaala isaaf qaban ibsaniiru.

Onkoloossi 8, 2007, Kiyuubaa fi Booliviyaa keessatti qofa osoo hin taane, addunyaa kana irraa, bakka hedduutti, ummata kuma hedduun, guyyaa yaadannoo Chee Guuveeraa ta’ee kabajamee fi yaadatamee kan oole oggaa ta’u, T-shirt, fi kooffiyaan fakkoo isaa qaban fi sirbi yaadannoo isaaf qophaahan miliyoonni(kumkuma) hedduun gurguramaniiru.

Guyyaa yaadannoo “Chee Guuveeraa” kana ilaalchisee haasaa godhe irratti, ajjeechaa “Chee Guuveeraa” irratti raawwateen, akeeka Booliviyaa keessatti bakka osoo hin gahin hafe itti fufee bakkaan akka gahu pirezedaantiin Booliviyaa waadaa seeneera.

Seenaan Chee Guuveeraa, akkuma bara kudhanii sagal jaatamoota keessa, namoota hedduu qabsoof kakaase;har’a illee, ummatoota bilisummaaf qabsaawan, kanneen akka Oromoof fakkii gaarii dha.

Chee Guuveeraan,doktoora ta’ee osoo jiruu, jireenya dhuunfaa fi biyya isaa dhiisee biyyoota adda addaa deemuudhaan ummatoota qabsoo bilusummaa geggeessan osoo gargaaruu kan du’ee dha. Chee Guuveeraan, nama biyya Aarjentiinaa ta’ee osoo hiruu, ummatoota biroof jecha lubbuu isaa dabarsee kan kennee dha.

Chee Guuveeraan,doktoora ta’ee osoo jiruu;bilusummaa saba biroof kan wareegame;doktooroti Oromoo ammoo bilusummaa ummata Oromoof maal godhaa jiru laata? Chee Guuveeraan, doktoora ta’ee osoo jiru;bilisumaa ummata biroof jecha bosona kan seene; doktooroti Oromoo ammoo maal godhaa jiru laata?

Nama alagaa, yeroo rakkina isaa itti dirmate fi qabsoo irratti isaa gargaare, guyyaa inni itii wareegame yaadachuuf ummati Kiyuubaa kuma hedduutti lakkahamu walitti qabameera. Nuhi Oromooti garuu; Oromoota bilusummaa Oromiyaaf wareegaman ni yaadannaa laata?Amantii, naannoo, gurraacha, diimaa, Afriikaa, Awurooppaa, Eeshiyaa ykn Araba osoo hin jedhin, addunyaan,guyyaa Chee Guuveeraan itti wareegame kabajaa guddaan oggaa yaadatu; nuhi Oromooti ammoo, gootota bilusummaa Oromiyaaf wareegaman hunda hangam tokko kabajaan yaaadanna laata?

Akeeka Chee Guuveeraan wareegameef kana, ummati miliyoonatti lakkaahamu yaadatee kan oole, nuhi Oromooti ammoo, akeeka bilusummaa Oromiyaa kan goototi kumaan lakkahaman irratti wareegaman hangam tokko yaadanna laata?

Thursday, November 8, 2007

ABO fi qabsoo fi mirga hiree murteefannaa


Qabsoon mirga hiree murteeffannaa, seenaa addunyaa keessatti bakka guddaa qaba. Addunyaan, bifa har’a qabdu kan argatte, kabajamuu ykn ammoo dhiitamuu mirga hiree murteeffannaa ummatootaan akka ta’e ragaan seenaa hedduutu jira.
Dhiitama mirga hiree murteeffannaa ummatootaan, mootummooti gabroomfatoo,hedduun dhalataniiru. Dhiitamuu mirga hiree murteeffannaa isaan irra gaheen, ummatooti hedduun gabrummaa:Impaayera Ixoophiyaa Faransaa, Ingilizii, Xaaliyaa, Jaappaan, Turkii, Iraaq, Raashiyaa kkf jalatti kufaniiru. Qabsoo baroota dheeraa booda garuu;mirgi hiree murteeffannaa ummatoota kanaa kabajamee mootummooti walaba ta’an kan ummatoota kanaa dhalataniiru.
Qabsoo hadhooytuu, kudhanoota sadiif(30) ummati Eeritiriyaa godheen, mirgi hiree murteeffannaa isaa kabajameefii, Eeritiriyaa ykn Ixoophiyaa keessa akka filatan gaafatamanii, Eeritiriyaa filachuudhaan biyyi Eeritiriyaa dhalatte. Kabajamuun mirga hiree murteeffanna ummata Eeritiriyaa kun, daangaan Impaayera Ixoophiyaa, kan duraanii irra akka xiqaatu godheera.
Dhiitama mirga hiree murteeffannaatiin, ummatoota gabrummaa Impaayera Ixoophiyaa jalatti kufan keessaa, qabsoo hidhannoo dhaawwataan geggeessee mirga hiree murteeffannaa isaa kan kabachiifate, Eeritiriyaa qofa ogga ta’u, ummatooti kanneen akka Oromoo garuu;dhuma jaarraa 19ffaa irraa eegalee hanga har’aatti, mirgi hiree murteeffannaa isaanii dhiitamaa jira. Haa ta’u malee garuu;dhiitama kana jalaa bahee mirga hiree murteeffannaa isaa kabachiifatuuf, ummati kun qabsoo itti fufee jira.

Mirga hiree murteeffannaa jechuun maal jechuu dha?
Mirgi hiree murteeffannaa, hiika armaan gadii sadan of-keessaa qabaachuu ni danda’a.
1. Bifa mootummaa(tokkummaa) fedhu( unitary, federation, confederation)keessaa filatuuf mirga sabi tokko yookaan biyyi tokko qabu;
2. Walaba ta’anii jiraachuu yookaan bifa tokkummaa fedhan keessaa filachuuf mirga sabi tokko yookaan biyyi tokko qabu;
3.Carraa isaa murteeffachuuf mirga nam-tokkeen qabu kanneen akka: mirga yaada ofii ibsachuu(freedom of expressin), mirga ijaaramuu(freedom of association), mirga sosso’uu(freedom of movement), mirga wal-gahii(freedom of assembly), mirga filuu fi filamu(freedom to elect and be elected) kkf jechuu dha.

Mirga hiree murteeffannaa fi seera addunyaa.
Mirgoota seerri addunyaa kabaju fi akka kabajamu dirqu keessaa tokko, mirga hiree murteeffannaa ummatootaa ti. Akka mirga diinagdee, hawaasummaa fi aadaa seera addunyaa( International covenant on economic, social and culturan rights, article 1) aangoo 1ffaatti: “Sabooti hundi mirga hiree murteeffaannaa qabu. Mirga kana dhima bahuudhaanis, dhiibba tokko malee, sadarkaa siyaasaa(political status)isaanii murteeffachuu fi dhiibbaa tokko malee, guddina diinagdee, hawaasummaa fi aadaa kan mataa isaanii hordofuu ni danda’u. Itti fufuunis, mirgi siyaasaa seera addunyaan(International covenant on civil and political right, article 1) hayyamame, aangoo 1ffaa irratti kanuma mirkaneesse.

Dhaabota siyaasaa Oromoo fi mirga hiree murteeffannaa.
Ummati Oromoo bilisummaa akka fedhu shakkiin hin jiru. “Bilisummaa,ummati kun fedhu argamsiisuuf;dhaaba Oromoo isa kamtu akeeka qaba?” gaaffiin jedhu garuu;ifa ta’uu qaba.Dhaaboti siyaasaa Oromoo kanneen akka:ABO, Shanee(Daawwit Ibsaan hoogganamu), OPDO(wayyaaneen ijaaramee abbaa Duulaan hoogganamu), KSO(Mararaa Guddinaatiin hoogganamu), fi Federaalawaa(Bulchaa Dammaqsaatiin hoogganamu) hundi, “Mirga hiree murteeffannaa ummata”
"Oromoof dhaabbanne” haa jedhan iyyuu malee, hiiki isaan mirga hiree murteeffannaaf kennan, garaagarummaa ayinaa(quality) fi kan qabiyyee(content) hedduu qaba. Dhaaboti akka: OPDO, KSO, Shanee fi Federaalawaa, hiiki isaan mirga hiree murteeffannaaf kennan, hiika ABO’n mirga kanaaf kennu irraa adda. Qooqaan afaan faranjii(English dictionary) illee, mirga hiree murteeffannaaf, hiika sadii kenna.

Dhaabota Ixoophiyummaa Fudhatan

Dhaaboti akka: Shanee, OPDO, KSO, fi Federaalawaa, Ixoophiyummaa waan fudhataniif, mootummaa walaba Oromiyaa yookaan Ixoophiyaa jala turuu keessaa filachuuf mirga ummati Oromoo qabaachuu qabu hin fedhan;dura dhaabbatus. Dhaaboti kun, Ixoophiyummaa waan fudhataniif, bilisummaa isaa gonfachuuf fedhii ummati keenna qabu, bakkaan gahuuf akeeka hin qaban. Ofii Ixoophiyummaa waan fudhataniif, ummati Oromoos gabrummaa Ixoophiyaa jala akka turu fedhu.

Ixoophiyaa fudhachuu jechuun, lafti daangaa Eeritiriyaa irraa hanga daangaa Keeniyaa jiru;daangaa Sudaan irraa eegalee hanga daangaa Sumaaliyaa jiru(magaalaa Finifinnee waliin), lafa Ixoophiyaa ta’uu fudhachuu jechuu dha. Oromiyaan qaama Ixoophiyaa waan taateef, bilisoomuu akka hin dandeenne fudhatuu jechuu dha. Ixoophiyummaa fudhachuu jechuun, ummatooti Impaayericha keessa jiraatan, qabeennaa Oromiyaa irratti ajajuuf, Oromoo waliin mirga wal-qixa akka qabaatan fudhachuu jechuu dha. Mirga ummati biraan Oromoo bulchuuf qabu fudhachuu jechuu dha. Ixoophiyummaa fudhachuu jechuun, ummatoota Impaayericha keessa jiran hundaaf Oromiyaa hayyamuu jechuu dha. Ixoophiyummaa fudhachuu jechuun, mirga guutuu Oromiyaa irratti qabaachuu malle dabarsinee kennuu jechuu dha.

Akka dhaabota kanaatti, ummati Oromoo, biyya isaa keesatti, ummatoota biroo waliin mirga wal-qixa qabaachuu qaba. Kana jechuun, Oromoon kumkumi(miliyoonni) 40 Tigree kumkuma 3 waliin mirga wal-qixa haa qabaatu jechuu dha. Kana jechuun, Oromoo kumkumi 40, Amaara kumkuma 8 waliin mirga wal-qixa haa qabaatu jechuu dha. Walumaagalatti, Oromoon 13, Tigree 1 waliin wal-qixa haa ta’u; yookaan ammoo Oromoon 5 Amaara 1 waliin wal-qixa haa ta’u jechuu dha.

Seera herregaa, addatti dhaaboti kun ummata Oromoof baasan yoo ta’e malee, 13 fi 1(13 ≠1); yookaan 5 fi 1(5≠1) wal-qixa ta’uu hin danda’u. Oromoon 13 fi Tigreen 1 ;yookaan Oromoon 5 fi Amaarri 1 wal-qixa haa ta’u jechuun seera herregaa fi dimookiraasii(Gadaa) faallessuu qofa osoo hin taane, ummata Oromoo fi Oromiyaa tuffachu fi rakashiisuu dha. Akka dhaaboti kun yaadanitti;Oromoo fi Oromiyaan garuu;tuffatamaa fi rakasha araaja gurguramu miti. Ummata Oromoo fi Oromiyaa tuffachuu fi rakashiisuun, diinummaa dhaaboti kun Oromoo fi Oromiyaa irraa qaban kan mirkaneessu qofa osoo hin taane,osoo hin dafqin, ummata Oromoo fi Oromiyaa gabaa araajaatti gurguruun bu’aa shaffisaa(quick profit) argachuuf akeeka dhuunfaa isaan qaban ifa kan godhuu dha.
Walumaa galatti, dhaaboti kun, mootummaa walaba Oromiyaa yookaan Ixoophiyaa jala jiraachuu keessa tokko filachuuf ummati keenya mirga
akka qabaatuuf kan qabsaawan osoo hin taane, ummati Oromoo, Ixoophiyaa jalatti, mirgoota nam-tokkee kanneen akka mirga: ijaaramuu, mormuu fi deggeruu, sosso’uu, yaada ofii ibsachuu, dalaguu, filuu fi filamuu, waaqeffachuu, fi kkf akka qabaatu qofaafi.
Akka dhaabota kanaatti, ummati oromoo, Loon(saawwa) dhiisee aannan gaafachuu qaba. Akka dhaabota kanaatti, ummati Oromoo, lukkuu(hindaaqqoo) dhiisee buphaa(hanqaaquu) gaafachuu qaba. Akka dhaabota kanaatti, ummati Oromoo, mirga uumamaan qabu fi seerri addunyaa kennuuf fudhachuu dhiisee alagaa kadhachuu qaba.

ABO fi Mirga Hiree Murteeffannaa

Akeeki hundee ABO: “Mootummaa walaba Oromiyaa dhaabee iggitii eerga itti godhee booda, ummati Oromoo, dhiibbaa tokko malee, mootummaa walaba Oromiyaa ykn ammoo tokkummaa fedha isaa irratti hundaahe keessaa akka filatu haala aanjessuufii dha”

Ummati kun, bilisummaa akka filatuuf, kan dammaqsuu ijaaru fi hoogganu yoo ta’e illee, fuul-duree Oromiyaa irratti, murtii isa dhumaa kennuuf mirga kan qabaatu ummata Oromoo ti. Mirga kana dhimma bahuudhaan, sagalee kannatuun(referendum),Mootu-mmaa walaba Oromiyaa ykn Ixoophiyaa keessaa akka filatuufi ummati Oromoo gaafatama. Guyyaa ummati Oromoo sagalee kennatu(referendum), ABO’n bilisummaa Oromiyaa qabatee ummata Oromootti dhiyaata. Oromiyaa ykn Ixoophiyaa keessa filachuun garuu,mirga ummata Oromoo ti. Kaayyoon ABO’s bakka gahe kan jedhamu,ummati Oromoo akka kanatti hiree isaa yoo murteeffatee qofa. Kun oggaa bakka gahe, “mirgi hiree murteeffannaa ummata Oromoo guutummaatti kabajameera” kan jedhamuu danda’u. Mirgi hiree murteeffannaa kan: Shanee, KSO, OPDO fi Federaalawaas akka kanatti kan ABO irraa adda ta’a.

Mirga hiree murteeffannaa ummatootaa of-dura qabee aangootti kan ol-bahe mootummaan Wayyaanee, eerga aangoo qabatee garuu;gaaffii mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo dhabamsiisuuf gochaan farrummaa inni ummata kana irratti hin raawwatin hin jiru. Gaaffii kana cafaquuf tattaaffii inni godhe garuu; ummata kana of-duuba
kan deebisee osoo hin taane, daranuu kan onnachiise ta’ee argama.

Akka Wayyaaneetti, mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo of-dura qabuudhaan, akeeka dhoksaa kan dhuunfaa bakkan gahachuuf tattaafachuu dhiisanii, dhaaboti Oromoo kun, akka ABOtti, mirga hiree murteeffannaa dhaabbataniif ummata Oromoof ifa godhuu qaban.Akka Wayyaanee, dhaaboti Oromoo akka:Shanee, KSO, OPDO fi Federaalawaa akka nu kijibneef,, mirga hiree murteeffannaa isa kamiif akka dhaabbatan ummati Oromoo dhaabota kana gaafachuu fi adda baafachuu qaba.

Hiiki dhaaboti kun mirga hiree murteeffannaaf kennan, fedhii siyaasaa ummati Oromoo qabuun kan wal-simatu yoo ta’e malee “Ummata Oromoo bakka buuna” jechuu hin danda’an. Ummati Oromoos, yoo kana ta’e malee, dhaabota akka:Shanee, KSO, OPDO fi Federaalawaa bakka bu’aa isaa godhee fudhachuu hin qabu.

Mirga hiree murteeffannaa, kan fedhii ummata Oromoo bakkaan gahuu danda’u qabatee qabsaawaa kan jiru Adda Bilisummaa Oromoo qofa.
Kunis kan mirkanaahu, Mootummaa Walaba Oromiyaa ykn Ixoophiyaa keessaa filatuuf sagalee ummati Oromoo kennatuun( Referendum) ta’a. Guyyaa ( Referendum)sun, gaaffiin ummata Oromoof dhiyaatu, “Mootummaa walaba Oromiyaa ni barbaadda?”kan jedhu ta’a. Kan barbaadu, “Eeyye” jechuuf mirga ni qabaata;kan hin barbaannes,”Lakkii”jechuuf mirga ni qabaata. Dirqammi ABO’s, guyyaa kun mirkanaahu xumurama.Qabsoon itti aanu, mootummaa ummati Oromoo filate keessatti mirgi:ijaaramuu, yaada ofii ibsachuu, filuu fi filamuu, mormuu fi deggeruu, sosso’uu, waaqeffachuu fi kkf akka kabajamu, ummati Oromoo diinagdee isaa

Monday, October 8, 2007

Oromo>>>Qabeenyaa Oromiyaa

1. Galiin mootummaa Wayyaanee harki 80 (80%) buna irraa kan argamu akka ta’e.

2. Buna Impaayera Itoopiyaa keessatti oomishamu keessaa kan Oromiyaa harka 80 (80%) akka ta’e.

3. Beelada miliyoona 27.2 Impaayera Itoophiyaa keessatti argamu keeysaa harki 75 (75%) Oromiyaa keeysatti akka horsiifamu.

4. Albuudi mootummaan Itiyoopiyaa alatti gurguru hundi Oromiyaa keessatti akka argamu.

5. Humni Koreenti, laggeen irraa Itoophiyaa keessatti oomishamu hundi Oromiyaa keessati akka argamu.

6. Oromiyaan humna Korreentii bishaan irraa oomishamubiyyoota Gaanfa Afriikaa cufaaf

7. Ganna 40 dura, lafti Oromiyaa harki 40 (40%) bosona akka ture.

8. Mootummaan Wayyaane gali biyyaa harka 65 ol (65%) Oromiyaa keessa akka argatu.

9. Baajeta mootumaan Wayyaanee waggaatti Oromiyaaf ramadu baay’ina uumaata Oromoof yoo qoodame waggatti doolara 50 qofa akka ta’e.

10. Tigirayiif baajeti waggaatti ramadamu, baayina ummata Tigree miliyoona 4 gad ta’eef oggaa qoodamu waggaatti doolaara 161 akka ta’e.

11. Baajeta Oromiyaaf ramadamu keessaa hojii ijaarsaaf kan qoodaamu 1.43% ogga ta’u kan Tigraay ammo harka 12.65 (12.65%) akka ta’e.


Saturday, October 6, 2007

Ummata Oromoo fi Seenaa diddaa gabrummaa (Hagaa dhaloota Waldaa Maccaa fi Tuulamaatti)

Ummatni Oromoo eerga waanjoo gabrummaa jallatti kufee eegalee, bittaa diinaa tole jedhee hin fudhanne. Bifa hin qindoofneen iyyuu haa ta’u malee, ummatni Oromoo yeroo adda addaatti bifa fi haala adda addaan qabsaawaa tureera. Mee gaggabaabsinee qabsoo diddaa gabrummaa ummatni Oromoo godhe haa ilaallu.

  • Bara 1928 fi 1948, ummatni Oromoo Raayyaa fi Azeeboo hacuuccaa mootummaa Haayile Sillaaseen murmuun lola godhaniin loltuu mootummaa Haayilessillaasee injifachuun naannoo isaanii bilisoomfatanii turan. Booda garuu, Haayilessillaaseen, gargaarsa humna qilleensaa Ingilizii, yeroo sana Eden ture gargaaramee humna isaanii cabsuun lafa bilisoomee ture guutummaatti deebisee gabroonfate.
  • Bara 1936 Oromoon Wallaggaa, Illuu fi Jimmaa wal-ta’anii konfedereshana ijaarrachuun mootummaa Habashaa jalaa walaba ta’anii jiraachuuf, karaa mootummaa Ingilizii waldaa mootummoota addunyaatti iyyannoo galfatan.
  • Bara 1941-42 Oromoonni Shawwaa, Harargee fi Jimmaa gabrummaa Habashaa jalaa walaba ta’anii jiraachuuf iyyata mootummaa Ingilizii bara sana biyyattii bulchuuf aangoo qabutti iyyatanii turan.
  • Bara 1946 Oromoonni Carcar, Dirree Waleensuu jedhamutti lola waraana Haayilessillaasee irratti bananiin nafxanyaa hedduu fixanii waggaa lamaaf bilisummaan jiraatan. Waggaa lama booda, waraanni Habashaa meeshaa baraatiin loluun humna ummata kanaa cabse. Hoogganoota waraana kana hoogganan keessaa Mummad Jiloo fi Mummaad Jawwee fakkeenya. Bara 1963, ummanni Oromo Baalee mootummaa Haayilessillaasee irratti fincilee, lola godheen, yeroo muraasaaf ummata Baalee mootummaa Habashaa jalaa bilisoomsee ture. Humna kana rukutuuf humni Ingilizii, Isiraa’el fi humni qilleensaa Ameerikaa badii guddaan ummata Oromoo irra akka gahu godheera.
  • Barri 1964, bara Waldaan Maccaa fi Tuulamaa itti dhalate ture. Waldaan kun waldaa misoomaa fi wal-gargaarsaa kan Oromoo haa jedhamu malee, ummanni Oromoo eenyummaa isaa akka baruu fi eeggatu gochuun, qabsoon wal-harcaasaan bakka bakkaa akka wal-qabatu fi ummata kutaa adda addaa walitti fiduun gaafiin bilisummaa Oromoo bifa qindaawaan akka geggeeffamu gochuuf guddaa gargaare. Waldaan Maccaa fi Tuulamaa waggaa lama keessatti miseensota miliyoona lamaa oli horatee ture. Bara 1967tti, Waldaan kun akka hin sossoone seeraan dhorkamee, hooggantooti isaa 19 hidhaman. Isaan keessaa 4 mana hidhaa turanii bara 1975 mootummaa fashisittii Dargiin ajjeefaman.
  • Bara 1963/4 Waldaa “Afran Qalloo” jedhamutu baha Oromiyaa, Dirree Dawaatti dhalate, Akeekni waldaa kanaa Afaan fi Aadaa Oromoo kan qarqara badiisaa gahe tiksuu fi dhaloota dhufutti dabarsuu ture. Kana irratti dabalee, Ummatni Oromoo, keessattuu dardarrii fi shamarran kara wallistootaa akka wal-baran gargaaree ture. Waldaan kun, waldaa Maccaa fi Tuulamaa waliin quba wal-qaba ture.