Tuesday, February 19, 2008

ABO fi Qabsoo mirgaa hiree murteeffannaa Oromoo

‘Karaa Bilisummaa”, ji’a Onkoloolessaa 2007 fi Sadaasa 2007 maxxanfame irratti, akeekaa fi tarsiimoon qabsoo mirga hiree murteeffannaa ABO’n geggeeffamuu maal akka ta’e ilaalleerra. Maxxansa baatii Afraasaan (Muddeen) ammoo, olola dharaa (kijibaa) qabsoo ABO’n geggeeffamu irratti oofamaa jiru saaxiluu fi deebii itti kennuudhaan nuhi ummati Oromoo ka godhuu qabnu yaada waliif qoodna.

1. Lolaan injifachuu irratti.

Injifatnoon Xumuruu

Haallen, qabsoon bilisummaa Oromoo keessatti deemaa jiru wal’aaluu, qabsoo mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo gufachiisuuf akeeka qaban fi dadhabbii isaanii dhoyfachuuf karoora qaban irraa, Oromiyaan qabsoo hidhannootiin bilisoomuu akka hin dandeenne kanneen falman, akka jiran ni beekama. Of-duuba deebinee, qabsoo ummatoota adda addaa fi kan ABO’n geggeeffamaa jiru yoo ilaalle garuu, ABO’n, qabsoo hidhannoo geggeessaa jiru injifatnoon xumuruu akka danda’u hubanna. Kana hubachuufis kannen armaan gadii haa ilaallu.

Eeboo fi dhagaadhaan.

Biyyi Aaljeeriyaa, (Kaaba Afriikaatti argamti) bara 1830tti gabrummaa biyya Faransaa jalatti kufte. Haa ta’u malee, ummati Aaljeeriyaa, olaantummaa humna waraanaa, meeshaa lolaa fi diinagdee Faransaan qabaachaa turte sodaatee gabrummaa Faransaa kana callisee hin ilaalle. Eeboo fi dhagaadhaan, meeshaa lolaa Faransaa irraa hiikkatee hidhachuudhaan, biyya isaa gabrummaa Faransaa jala bilisa basuuf, ummati Aaljeeriyaa bara 1945 qabsoo eegale. Qabsoo ummata Aaljeeriyaa kana cabsuudhaaf, tooftaa mootummaan Faransaa dhimma itti hin bahin hin jiru ture. Gochaa shororkeessummaa mootummaan Faransaa irratti raawwateen ummati Aaljeeriyaa nagaa dhabe. Lafa isaa irraa buqqifamee ummati Faransaa irra qubsiifame. Ummati Faransaa Aaljeeriyaa keessa qubsiifame, baay’ina ummata Aaljeeriyaan wal-qixa ture. Ummati Aaljeeriyaa, eenyummaa isaa gatee(policy of assimilation) kan Faransaa akka fudhatu taasifame. Jireenni :siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa ummata Aaljeeriyaa Faransaan dhuunfatame,

Shororkeessitoota fakkeessuun

Bara 1956, hoogganoota qabsoo bilisummaa ummata Aaljeeriyaa wal-gahiif Morookoo dhaqanii deebi’an xiyyaaraan butuudhaan hidhuunii fi ummata Aaljeeriyaa mootummaa shororkeessaa Faransaa baqatee biyyoota ollaatti qubate xiyyaaraan irratti duulameera.Qabsaawota ummata kanaa, shororkessitoota fakkeessuun ololli irratti oofames daangaa hin qabu ture. Shiboo koreentiitiin daangaa marsanii dallaa ijaaruun, mootummaan Faransaa, Humni Adda Bilisummaa Lammi(National Liberation Front) Aaljeeriyaa akk hin seenneef ture. Kana hunda yoo tattaafate illee, mootummaan Aaljeeriyaa milkaahuu hin dandeenne.

Jijjiirama fakkeessaa.

Tooftaa kana cufa dhimma itti bahu illee, qabsoo ummata Aaljeeriyaa cabsuu fi dhabamsiisuu kan dadhabe mootummaan Faransaa, dhiibamee jijjiirama fakkeessaa( cosmetic change) tokko tokko eegale. Akka kanaan, diinagdee babal’isuu fi jijjiirama siyaasaa xixiqqaa godhuu eegale. Haa ta’u malee, kaayyoon ummata Aaljeeriyaa bilisummaa waan tureef, jijjiirama fakkeessaa kanaan osoo hin dagamin, qabsoo hidhannoo kan itti fufe ummati Aaljeeriyaa, mootummaa Faransaa jilbeenfachiisee baatii Adoolessaa bara 1962 bilisummaa isaa gonfateera. Akka kanatti, bara 1830 kan gabroomfatame ummati Aaljeeriyaa, waggoota 132 booda, qabsoo hidhannootiin Faransaa irraa bilisoomee mootummaa walaba ijaarrachuu danda’eera.

Biyyooti akka Zimbaabuwee fi Keenyaa bara 1890 gabrummaa Ingilizii jalatti kufan, qabsoo hidhannootiin mootummaa Ingilizii raasanii diriira araaraatti (negotiating table) eerga dhiyeessanii booda Keenyaan bara 1963, Zimbaabuween ammoo bara 1980 kolonii Ingilizii jalaa bilisa bahanii mootummaa ripubilikii ijaarrataniiru. Keenyaan waggota 73’f gabrummaa Ingilizii jala kan turte oggaa ta’u, Zimbaabuween ammoo wagoota 90’f gabrummaa Ingilizii jala turte.

Bilisummaa ykn tokkummaa

Ummati Kibba Sudaanii, bara 1820 irraa eegalee gabrummaa Otomaan, Mahaadii, Ingilizii fi Arabootaa jala jiru, qabsoo hidhannoo bara 1955 eegale murannoodhaan itti fufee mootummaa kaaba Sudaan dirquudhaan diriira araaraatti fiduu danda’eera. Akka kanatti, bara 2005 haasaa araaraa SPLA fi mootummaa Kaaba Sudaan gidduutti ta’een ummati Sudaan bilisummaa yookaan tokkummaa keessaa akka filatu irratti walii galameera. Ummati Kibba Sudaan, gabrummaa jalatti eerga kufee waggoota 187 booda, sadarkaa har’a irra jiru gahuu kan danda’eef, qabsoo hidhannoo bara 1955 eegale hanga bara 2005tti murannoodhaan waan itti fufeefi. SPLA’n, humna guddaa qabatee mootummaa Kaaba Sudaan waliin akka walii gale beekamaa dha.

Diriira Araaraa

Ummata Afriikaa Kibbaa, gabrummaa Ingilizii jalaa bilisa kan baase dhaabi “Kora Saba Afriikaa” (African National Congress) bara 1912 ijaarame. Hayyu Dureen dhaaba kanaa, Nilsen Mandeellaan, “Generaal” Taaddasaa Birruutiin Oromiyaatti tooftaa lolaa leenjifameera. Waraanni dhaaba kanaa “Eeboo Biyyaa” jedhamu fi bara 1961 ijaarameen qabsoon hidhannoo geggeeffame, Ingilizii dirqee diriira araaraatti fideera. Akka kanaan, haasaa araaraa bara 1990 0godhame fi filmaata 1994 ta’een ummati Afriikaa Kibbaa hiree isaa murteeffachuun mootummaa bilisa ijaarrateera. Ummati Afriikaa Kibbaa ganna 300’f gabrummaa jala kan ture oggaa ta’u, Korri Saba Afriikaa ijaaramee waggoota 84 booda, ummata Afriikaa Kibbaa bilisoomsuu danda’eera.

Lola haqaa waan tureef

Qabsoo hidhannoo gannoota 30’f geggeesseen, ummati Eeritiriyaa waraana “Dargii” hidhannoo fi leenjisaan Afriikaa keessatti tokkoffaa ture fi baay’inaan walakkaa kumkum(miliyoonaatti)tokkotti tilmaamamu caccabsee bara 1991 biyya Eeritiriyaa gabrummaa Impaayera Ixoophiyaa irraa bilisa baseera. Lolli ummata Eeritiriyaa fi mootummaa “Dargii” gidduutti geggeeffame, lola haqaa waan tureef, waraanni xiqqaan ummata Eeritiriyaa waraana Dargii guddaa sana barbaadessuu danda’eera.

Biyyi Ameerikaa,.gabrummaa Ingilizii jala kan turte oggaa ta’u, qabsoo hidhannoo hoogganummaa Waashingtoniin geggeeffameen Ingilizii injifattee 1783 bilisoomteetti.

Akkuma kana, gabrummaa Ameerikaa fi Faransaa jala kan turte Veetinaam, gabrummaa Raashiyaa jala seentee kan turte Paakistaan, gabrummaa Indoneeshiyaa jala kan turte Tiimoor Bahaa, qabsoo hidhannootiin bilisoomaniiru.

Ulee fi eeboon bobba’ee

Seenaa qabsoo ABO irraa, wanneen barataman hedduutu jiru.

Waraanni Bilisummaa Oromoo, ulee fi eeboon bobba’ee: qawwee, taankii, BM, Zu fi meeshaalee biroo booji’eera. Akkasumas, humna sagilii tokko irraa gara kutaa waraanaatti guddatee dirree bilisoomseera. Sodaa guddaa Dargiin qabaachaa ture kan wayyaanee fi Shaabiyaa osoo hin taane kan ABO ture. Qabsoon hidhannoo dhaaba kanaan geggeeffamaa ture, eennummaa fi yaayyoo (map) Oromiyaa mirkaneessee, qabsoo bilisummaa Oromoof bu’ura barbaachisu buuseera. Qabsoo hidhannoo, ABO’n geggeesseen, hundeen Impaayera Ixoophiyaa kan raafame oggaa ta’u, gaaffiin bilisummaa Oromoo, siyaasaa Impaayera Ixoophiyaa keessatti dhimma hangafaa ta’ee argama. Kana qofa osoo hin taane, qabsoo hidhannoo ABO’n geggeessaa jiru, of-irratti abdannoo (self-confidence) fi of-irratti irkannoo (self-reliance) ummati Oromoo bilisummaa Oromiyaaf qabaachuu qabu kan mirkaneesse qofa osoo hin taane, Oromiyaa bilisoomsuuf murannoo ummati Oromoo qabu fi gaaffiin bilisummaa Oromoo deebii osoo hin arganne Gaanfa Afriikaa keessatti nagaan akka hin argamne dhaamsa jabaa addunyaaf dabarsaa jira. Qabsoon hidhannoo ABO’n geggeeffamaa jiru, hundee Impaayera Ixoophiyaa kan raasee fi Oromiyaan akka bilisoomtu kan mirkaneessee dha. Kana qofa osoo hin taane, qabsoo hidhannoo dhaabi kun geggeesseen, har’a, afaan Oromoo afaan:hojii, saayinsii, teekinooloojii, barnootaa fi qormaataa (research) ta’eera.

Biyyooti gabrummaa jalatti kufanii, qabsoo hidhannootiin bilisooman isaan kana qofa osoo hin taane hedduu dha. Afriikaa keessaa illee qabsoo hidhannootiin kanneen bilisooman biroon hedduu dha.

Kanaaf, akkuma biyyooti kanneen armaan olii qabsoo hidhannoo geggeessuun bilisummaa isaanii argatan, nuhi ummati Oromoo, qabsoo hidhannootiin bilisummaa keenya argachuu waanni nu dhowwu hin jiru.

Biyyi Eeritiriyaa, baay’ina ummataan haalaan xiqqaattu fi qabeennaa uumamaa fi teessuma lafaatiin Oromiyaan hin qixxaanne, humna waraanaa Afriikaa irratti tokkoffaa ture qabsoo hidhannootiin kan daaressite, Oromiyaan qabsoo hidhannootiin bilisoomuu hin dandeessu jechuun, ummata Oromoo tuffachuu(contempt) qofa osoo hin taane, diinummaa dha.

Qaanyiin kana caalu..

Oromiyaan qabsoo hidhannootiin bilisoomuu akka hin dandeennetti dhiyeessuun,waan ummati Eeritiriyaa bicuun sun hojjete nuhi Oromoon hojjetuu hin dandeennu jechuu dha. Waan ummati Eeritiriyaa miliyoonni afur hojjete, nuhi ummati Oromoo miliyoonni 50 hojjetuu hin dandeennu jechuun of-tuffachuu fi of-arrabsuu dha. Kana jechuun, waanni nammi Eeritiriyaa 1 hojjetu Oromoon 12 hojjetuu hin danda’u jechuu waan ta’eef qaanyiin kana caalu hin jiru.

Qabsoon mirga hiree murteeffannaa Oromoo, ABO’n geggeeffamu, maslufummaa dantaa dhuunfaa, hinaaffaa, aarii, dandeettii dhaba, sodaa, wal’aalummaa, xiiqii,hamilee fi murannoo dhabuu, of-tuulummaa, of-tuffii, jibba fi umurii Oromooti tokko tokko qabaniin safaramuus hin qabu. Ofii sodaataa, maslufa, kan hinaafu, dandeettii fi haamilee hin qabne, fi ummata Oromoof kan hin yaadne, nammi biroonis akkuma isaa akka ta’etti fudhachuun dogoggora.

Gooti Oromoo rasaasatti fiigu kummi hedduun akka jiru seenaan qabsoo hidhannoo ABO ragaa dha. “Ani yoon umuriin dulloome, kaayyoon bilisummaa Oromoos ana waliin haa dulloomujechuu caalaa ofittummaa fi shirri hin jiru. “Ani yoo du’e, qabsoon ummata Oromoo ana waliin haa du’ujechuun diinummaa fi ummata Oromoo tuffachuu dha. Qabsoon bilisummaa Oromoo, cunqursaa fi saamicha Oromoo irra gahu, dandeettii Oromoon fi Oromiyaan qabdu fi fedhii ummati Oromoo bilisummaaf qabu qofaan safaramuu qaba.

Fedhiin ummata Oromoo bakka hin geenne yoo ta’e, qabsoon hidhannoo ittuma fufuu qaba. Ummati Keenyaa gannoota 73’f gabrummaa jala turee kan bilisoome oggaa ta’u, ummati Zimbaabuwee ammoo gannoota 90’f gabrummaa jala turee kan bilisoomee dha. Ummati Aaljeeriyaa, gannoota 132’f gabrummaa jala turee kan bilisoome oggaa ta’u, ummati Sudaan Kibbaa ammoo gabrummaa gannoota 187 booda karaa nagaa hiree isaa murteeffachuuf carraaqaa jira. Ummati Afriikaa Kibbaa gannoota 300’f gabrummaa jala turee kan bilisoome oggaa ta’u ummati Afriikaa, Ameerikaa keessa qubatu, gannoota 300 booda mirgi isaa Ameerikaa keessatti akka kabajamu godheera.

Obsa fi murannoodhaan.

Isaan kun, gannoota dheeraa kanaaf gabrummaa jala yoo turan illee,obsa fi murannoodhaan qabsoo isaanii itti fufanii dhalootaa irraa dhalootatti dabarsuun diina isaanii dadhabsiisanii dhuma irratti bilisummaa isaanii gonfataniiru. “Qabsoo bilisummaa Oromoo, dandeennu bakkaan geenna;dadhabnu ammoo ilmaan itti guddifna” jechuudhaan Jeneraal Waaqoo Guutuu kan dubbateefi qabsoo hidhannoon milkaahuu akka dandeennu hubachuu irraa ture. “Qabsoon bilisummaa Oromoo itti fufuu qaba. Ummati Oromoo maseena miti;ilmaan itti guddifna” jechuudhaan kan J/Galaasaa Dilboo dubbate kanuma mirkaneessa. Waan kana ta’eef, ummati Oromoos akkuma biyyota armaan olii obsaa fi murannoodhaan qabsoo hidhannoo yoo itti fufe, bilisummaa isaa akka hin arganne kan isa dhorku hin jiru. Sadarkaan dammaqiinsa ummata keenyaa, muuxannoo rasaasaan qorame ABO’n qabu, qabsoo ummatootaa irraa barnoota argame, haala diinaa fi biyyota ollaa fi bilisummaaf fedhii fi murannoo ummati keenya qabu bilisummaa Oromiyaa kan mirkaneessu akka ta’e shakkiin hin jiru.

Gaara mul’ataa,dhiibanii jissuuf tattaafatuu.

Ummata Orooo miliyoona 50 keessaa, kanneen rakkina keessatti of-irratti abdatan (aplomb) fi bilisummaaf fedhii guddaa qaban (alacrity) 2.5% ijaaruu jechuun Oromoo miliyoona tokko ijaaruu jechuu waan ta’eef Oromiyaa bilisoomsuun akka danda’amu ifaa dha. Haala qabatamaa kana hubachuu dadhabuudhaan diinatti harka kennatanii irriba gabrummaa kanneen rafaa jiran fi rafuu barbaadan, yeroo isaan itti dammaqan fi kiyyoo hafuura gabrummaa (sprit of slavery) keessaa itti bahan amma. “Qabsoon hidhannoo Oromiyaa bilisoomsuu hin danda’u”olola jedhu oofuudhaanis, ummata Oromoo qabsoo irraa daguun (ruse) qabsoo bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuuf tattaafatuun, gaara mul’ataa dhiibanii jissuuf tattaafatuu akka ta’e beekamuu qaba.

Kanaaf, nuhi ummati Oromoo, akkuma ummatooti hedduun ittiin bilisooman, qabsoo hidhannootiin bilisoomuu waanni nu dhorku waan hin jirreef, qabsoo hidhannoo ABO irratti warri olola oofan, bilisummaa Oromiyaa arguu warra hin barbaanne ta’uu beeynee, qabsoo hidhannoo ABO’n geggeeffamutti haa dirmannu.

2. Baaquleessa (Globalization)

“Barri kun bara baaquleessaa, bara addunyaan gara tokkummaatti deemaa jirtu waan ta’eef, qabsoon bilisummaa Oromiyaa bakka hin qabu” jechuudhaan ololli oofamus ni jira. Ololli dharaa kun (black propaganda), qabsoo bilisummaa Oromiyaa dura dhaabbachuuf kan tolfame (fabrication) yoo ta’e malee, “baaquleessaan” farra qabsoo bilisummaa Oromoo ta’ee miti. Baaquleessi, qabsoo bilisummaa Oromoo kan gargaaru akka ta’e;akkasumas qabsoon bilisummaa Oromoo, baaquleessa gargaaruu akka danda’u, armaan gadiitti haa ilaallu.

Baaquleessi, akkaataa duraan argamee hin beekamneen olitti, :gabaan, finnooti sabaa fi teekinooloojiin wal-fudhataa (integrated) waan dhufeef, shaffisaan, rakkasa fi gad-fageennaan:nam-tokkeen, finnooti sabaa (nation states) fi korporeshenooti addunyaa kana irraa bakka fagoo dhaqabuu fi addunyaanis, shaffisaan, rakasha fi gad-fageennaan :nam-tokkee, Finnoota Sabaa fi korporeeshenoota bakka fagoo jiran dhaqabuu akka ta’e,Thomas L. Fuedman ni ibsa. Akeeki “baaquleessaa” albuuda (raw materials) fi gabaa oomishaa (products) ittisa tokko malee dhimma itti bahuun bu’aa (profit) argamu dhuunfachuu (monopolize) fi guddisuuf (maximize) kan hojjetu akka ta’ettis ni beekama.

Sirni “baaquleessaa” kun, jiraachuu, babal’achuu fi guddachuu kan danda’u, nagaan haqaa (just peace) yoo jiraate qofa. Nagaan haqaa jiraachuu kan danda’u ammoo, mirgi ilmoo namaa yoo kabajame qofa. Mirgi ilmoo namaa kan kabajamu, dimookiraasiin yoo jiraate (gadaan) qofa. Gaaffiin ummata Oromoo, kan mirga hiree murteeffannaa, nagaa fi tasgabbii (peace and stability) baaquleessi keessatti guddatu fi misu Gaanfa Afriikaa keessatti argamsiisuu waan danda’uuf akka kanatti bilisummaan Oromiyaa baaquleessa gargaara.

Baaquleessaan, meeshaalee teekinooloojii kan qabsoon keenna dhimma itti bahuu danda’u hedduu waan uumeef, ,itti madaquun (adapt) bu’aa irraa argamuu danda’u yoo irraa buufanne baaquleessi qabsoo keenna ni gargaara.

Gama birootiin, bara baaquleessaa kana keessaa, impaayerri hedduun diigamanii mootummooti bilisa ta’an hedduun dhalataniiru. Biyyooti Afriikaa hedduun kan bilisooman, Impaarri Soovet kan diigame,Eeritiriyaan Impaayera Ixoophiyaa irraa, Montineegroon Serbiyaa irraa, Timoor Bahaa Indoneeshiyaa irraa kan bilisooman, Chakosolovaakiyaan Cheeki fi Slovaakitti kan qoodame baruma baaquleessaa kana. Cheechiniyaan Raashiyaa irraa, Ummati Sahaaraa Morookoo irraa, Kosovoon Serbiyaa irraa, Sudaan Kibbaa, Sudaan Kaabaa irraa, “Ireland” Ingilizii irraa, bilisummaa ykn tokkummaa keessaa filachuuf qabsaawaa jiru. Kubeek, Kanaadaa irraa, Baski, Speen irraa,Kurdi, Turkii irraa, “Scotland”Ingilizii irraa bilisoomuuf qabsaawaa jiran. Qabsoon bilisummaa, Awurooppaa keessatti illee geggeeffamaa jira jechuu dha.

Waan kana ta’eef, “tokkummaa malee bilisummaan hin feesisu” warri jedhan, farreen bilisummaa Oromiyaa ta’uu beeynee, olola kana irraa of-eeggachuu, dura dhaabbachuu fi saaxiluudhaan qabsoo bilisummaa Oromiyaa haa finiinsinu.

Injifatnoon Ummata Oromoof!

Wabii Oromiyaa

Baha Oromiyaa, Asabooti irraa

2 comments:

Anonymous said...

Sorry for my bad english. Thank you so much for your good post. Your post helped me in my college assignment, If you can provide me more details please email me.

Anonymous said...

Please let me know if you're looking for a article author for your weblog. You have some really great articles and I believe I would be a good asset. If you ever want to take some of the load off, I'd
absolutely love to write some material for your blog in exchange for a link
back to mine. Please send me an email if interested. Thank you!


Feel free to visit my site :: free bingo no deposit 2013