‘Karaa Bilisummaa”, ji’a Onkoloolessaa 2007 fi Sadaasa 2007 maxxanfame irratti, akeekaa fi tarsiimoon qabsoo mirga hiree murteeffannaa ABO’n geggeeffamuu maal akka ta’e ilaalleerra. Maxxansa baatii Afraasaan (Muddeen) ammoo, olola dharaa (kijibaa) qabsoo ABO’n geggeeffamu irratti oofamaa jiru saaxiluu fi deebii itti kennuudhaan nuhi ummati Oromoo
1. Lolaan injifachuu irratti.
Injifatnoon Xumuruu
Haallen, qabsoon bilisummaa Oromoo keessatti deemaa jiru wal’aaluu, qabsoo mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo gufachiisuuf akeeka qaban fi dadhabbii isaanii dhoyfachuuf karoora qaban irraa, Oromiyaan qabsoo hidhannootiin bilisoomuu akka hin dandeenne kanneen falman, akka jiran ni beekama. Of-duuba deebinee, qabsoo ummatoota adda addaa fi
Eeboo fi dhagaadhaan.
Biyyi Aaljeeriyaa, (Kaaba Afriikaatti argamti) bara 1830tti gabrummaa biyya Faransaa jalatti kufte. Haa ta’u malee, ummati Aaljeeriyaa, olaantummaa humna waraanaa, meeshaa lolaa fi diinagdee Faransaan qabaachaa turte sodaatee gabrummaa Faransaa kana callisee hin ilaalle. Eeboo fi dhagaadhaan, meeshaa lolaa Faransaa irraa hiikkatee hidhachuudhaan, biyya isaa gabrummaa Faransaa jala bilisa basuuf, ummati Aaljeeriyaa bara 1945 qabsoo eegale. Qabsoo ummata Aaljeeriyaa kana cabsuudhaaf, tooftaa mootummaan Faransaa dhimma itti hin bahin hin jiru ture. Gochaa shororkeessummaa mootummaan Faransaa irratti raawwateen ummati Aaljeeriyaa nagaa dhabe. Lafa isaa irraa buqqifamee ummati Faransaa irra qubsiifame. Ummati Faransaa Aaljeeriyaa keessa qubsiifame, baay’ina ummata Aaljeeriyaan wal-qixa ture. Ummati Aaljeeriyaa, eenyummaa isaa gatee(policy of assimilation)
Shororkeessitoota fakkeessuun
Bara 1956, hoogganoota qabsoo bilisummaa ummata Aaljeeriyaa wal-gahiif Morookoo dhaqanii deebi’an xiyyaaraan butuudhaan hidhuunii fi ummata Aaljeeriyaa mootummaa shororkeessaa Faransaa baqatee biyyoota ollaatti qubate xiyyaaraan irratti duulameera.Qabsaawota ummata kanaa, shororkessitoota fakkeessuun ololli irratti oofames daangaa hin qabu ture. Shiboo koreentiitiin daangaa marsanii dallaa ijaaruun, mootummaan Faransaa, Humni Adda Bilisummaa Lammi(National Liberation Front) Aaljeeriyaa akk hin seenneef ture. Kana hunda yoo tattaafate illee, mootummaan Aaljeeriyaa milkaahuu hin dandeenne.
Jijjiirama fakkeessaa.
Tooftaa kana cufa dhimma itti bahu illee, qabsoo ummata Aaljeeriyaa cabsuu fi dhabamsiisuu
Biyyooti akka Zimbaabuwee fi Keenyaa bara 1890 gabrummaa Ingilizii jalatti kufan, qabsoo hidhannootiin mootummaa Ingilizii raasanii diriira araaraatti (negotiating table) eerga dhiyeessanii booda Keenyaan bara 1963, Zimbaabuween ammoo bara 1980 kolonii Ingilizii jalaa bilisa bahanii mootummaa ripubilikii ijaarrataniiru. Keenyaan waggota 73’f gabrummaa Ingilizii jala
Bilisummaa ykn tokkummaa
Ummati Kibba Sudaanii, bara 1820 irraa eegalee gabrummaa Otomaan, Mahaadii, Ingilizii fi Arabootaa jala jiru, qabsoo hidhannoo bara 1955 eegale murannoodhaan itti fufee mootummaa kaaba Sudaan dirquudhaan diriira araaraatti fiduu danda’eera. Akka kanatti, bara 2005 haasaa araaraa SPLA fi mootummaa Kaaba Sudaan gidduutti ta’een ummati Sudaan bilisummaa yookaan tokkummaa keessaa akka filatu irratti walii galameera. Ummati Kibba Sudaan, gabrummaa jalatti eerga kufee waggoota 187 booda, sadarkaa har’a irra jiru gahuu
Diriira Araaraa
Ummata Afriikaa Kibbaa, gabrummaa Ingilizii jalaa bilisa
Lola haqaa waan tureef
Qabsoo hidhannoo gannoota 30’f geggeesseen, ummati Eeritiriyaa waraana “Dargii” hidhannoo fi leenjisaan Afriikaa keessatti tokkoffaa ture fi baay’inaan walakkaa kumkum(miliyoonaatti)tokkotti tilmaamamu caccabsee bara 1991 biyya Eeritiriyaa gabrummaa Impaayera Ixoophiyaa irraa bilisa baseera. Lolli ummata Eeritiriyaa fi mootummaa “Dargii” gidduutti geggeeffame, lola haqaa waan tureef, waraanni xiqqaan ummata Eeritiriyaa waraana Dargii guddaa
Biyyi Ameerikaa,.gabrummaa Ingilizii jala
Akkuma kana, gabrummaa Ameerikaa fi Faransaa jala kan turte Veetinaam, gabrummaa Raashiyaa jala seentee kan turte Paakistaan, gabrummaa Indoneeshiyaa jala kan turte Tiimoor Bahaa, qabsoo hidhannootiin bilisoomaniiru.
Ulee fi eeboon bobba’ee
Seenaa qabsoo ABO irraa, wanneen barataman hedduutu jiru.
Waraanni Bilisummaa Oromoo, ulee fi eeboon bobba’ee: qawwee, taankii, BM, Zu fi meeshaalee biroo booji’eera. Akkasumas, humna sagilii tokko irraa gara kutaa waraanaatti guddatee dirree bilisoomseera. Sodaa guddaa Dargiin qabaachaa ture
Biyyooti gabrummaa jalatti kufanii, qabsoo hidhannootiin bilisooman isaan kana qofa osoo hin taane hedduu dha. Afriikaa keessaa illee qabsoo hidhannootiin kanneen bilisooman biroon hedduu dha.
Kanaaf, akkuma biyyooti kanneen armaan olii qabsoo hidhannoo geggeessuun bilisummaa isaanii argatan, nuhi ummati Oromoo, qabsoo hidhannootiin bilisummaa keenya argachuu waanni nu dhowwu hin jiru.
Biyyi Eeritiriyaa, baay’ina ummataan haalaan xiqqaattu fi qabeennaa uumamaa fi teessuma lafaatiin Oromiyaan hin qixxaanne, humna waraanaa Afriikaa irratti tokkoffaa ture qabsoo hidhannootiin kan daaressite, Oromiyaan qabsoo hidhannootiin bilisoomuu hin dandeessu jechuun, ummata Oromoo tuffachuu(contempt) qofa osoo hin taane, diinummaa dha.
Qaanyiin kana caalu..
Oromiyaan qabsoo hidhannootiin bilisoomuu akka hin dandeennetti dhiyeessuun,waan ummati Eeritiriyaa bicuun sun hojjete nuhi Oromoon hojjetuu hin dandeennu jechuu dha. Waan ummati Eeritiriyaa miliyoonni afur hojjete, nuhi ummati Oromoo miliyoonni 50 hojjetuu hin dandeennu jechuun of-tuffachuu fi of-arrabsuu dha. Kana jechuun, waanni nammi Eeritiriyaa 1 hojjetu Oromoon 12 hojjetuu hin danda’u jechuu waan ta’eef qaanyiin kana caalu hin jiru.
Qabsoon mirga hiree murteeffannaa Oromoo, ABO’n geggeeffamu, maslufummaa
Gooti Oromoo rasaasatti fiigu kummi hedduun akka jiru seenaan qabsoo hidhannoo ABO ragaa dha. “Ani yoon umuriin dulloome, kaayyoon bilisummaa Oromoos ana waliin haa dulloomu”jechuu caalaa ofittummaa fi shirri hin jiru. “Ani yoo du’e, qabsoon ummata Oromoo ana waliin haa du’u”jechuun diinummaa fi ummata Oromoo tuffachuu dha. Qabsoon bilisummaa Oromoo, cunqursaa fi saamicha Oromoo irra gahu, dandeettii Oromoon fi Oromiyaan qabdu fi fedhii ummati Oromoo bilisummaaf qabu qofaan safaramuu qaba.
Fedhiin ummata Oromoo bakka hin geenne yoo ta’e, qabsoon hidhannoo ittuma fufuu qaba. Ummati Keenyaa gannoota 73’f gabrummaa jala turee
Obsa fi murannoodhaan.
Isaan kun, gannoota dheeraa kanaaf gabrummaa jala yoo turan illee,obsa fi murannoodhaan qabsoo isaanii itti fufanii dhalootaa irraa dhalootatti dabarsuun diina isaanii dadhabsiisanii dhuma irratti bilisummaa isaanii gonfataniiru. “Qabsoo bilisummaa Oromoo, dandeennu bakkaan geenna;dadhabnu ammoo ilmaan itti guddifna” jechuudhaan Jeneraal Waaqoo Guutuu
Gaara mul’ataa,dhiibanii jissuuf tattaafatuu.
Ummata Orooo miliyoona 50 keessaa, kanneen rakkina keessatti of-irratti abdatan (aplomb) fi bilisummaaf fedhii guddaa qaban (alacrity) 2.5% ijaaruu jechuun Oromoo miliyoona tokko ijaaruu jechuu waan ta’eef Oromiyaa bilisoomsuun akka danda’amu ifaa dha. Haala qabatamaa kana hubachuu dadhabuudhaan diinatti harka kennatanii irriba gabrummaa kanneen rafaa jiran fi rafuu barbaadan, yeroo isaan itti dammaqan fi kiyyoo hafuura gabrummaa (sprit of slavery) keessaa itti bahan amma. “Qabsoon hidhannoo Oromiyaa bilisoomsuu hin danda’u”olola jedhu oofuudhaanis, ummata Oromoo qabsoo irraa daguun (ruse) qabsoo bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuuf tattaafatuun, gaara mul’ataa dhiibanii jissuuf tattaafatuu akka ta’e beekamuu qaba.
Kanaaf, nuhi ummati Oromoo, akkuma ummatooti hedduun ittiin bilisooman, qabsoo hidhannootiin bilisoomuu waanni nu dhorku waan hin jirreef, qabsoo hidhannoo ABO irratti warri olola oofan, bilisummaa Oromiyaa arguu warra hin barbaanne ta’uu beeynee, qabsoo hidhannoo ABO’n geggeeffamutti haa dirmannu.
2. Baaquleessa (Globalization)
“Barri kun bara baaquleessaa, bara addunyaan gara tokkummaatti deemaa jirtu waan ta’eef, qabsoon bilisummaa Oromiyaa bakka hin qabu” jechuudhaan ololli oofamus ni jira. Ololli dharaa kun (black propaganda), qabsoo bilisummaa Oromiyaa dura dhaabbachuuf
Baaquleessi, akkaataa duraan argamee hin beekamneen olitti, :gabaan, finnooti sabaa fi teekinooloojiin wal-fudhataa (integrated) waan dhufeef, shaffisaan, rakkasa fi gad-fageennaan:nam-tokkeen, finnooti sabaa (nation states) fi korporeshenooti addunyaa kana irraa bakka fagoo dhaqabuu fi addunyaanis, shaffisaan, rakasha fi gad-fageennaan :nam-tokkee, Finnoota Sabaa fi korporeeshenoota bakka fagoo jiran dhaqabuu akka ta’e,Thomas L. Fuedman ni ibsa. Akeeki “baaquleessaa” albuuda (raw materials) fi gabaa oomishaa (products) ittisa tokko malee dhimma itti bahuun bu’aa (profit) argamu dhuunfachuu (monopolize) fi guddisuuf (maximize)
Sirni “baaquleessaa” kun, jiraachuu, babal’achuu fi guddachuu
Baaquleessaan, meeshaalee teekinooloojii
Gama birootiin, bara baaquleessaa kana keessaa, impaayerri hedduun diigamanii mootummooti bilisa ta’an hedduun dhalataniiru. Biyyooti Afriikaa hedduun kan bilisooman, Impaarri Soovet kan diigame,Eeritiriyaan Impaayera Ixoophiyaa irraa, Montineegroon Serbiyaa irraa, Timoor Bahaa Indoneeshiyaa irraa
Waan kana ta’eef, “tokkummaa malee bilisummaan hin feesisu” warri jedhan, farreen bilisummaa Oromiyaa ta’uu beeynee, olola kana irraa of-eeggachuu, dura dhaabbachuu fi saaxiluudhaan qabsoo bilisummaa Oromiyaa haa finiinsinu.
Injifatnoon Ummata Oromoof!
Wabii Oromiyaa
Baha Oromiyaa, Asabooti irraa
2 comments:
Sorry for my bad english. Thank you so much for your good post. Your post helped me in my college assignment, If you can provide me more details please email me.
Please let me know if you're looking for a article author for your weblog. You have some really great articles and I believe I would be a good asset. If you ever want to take some of the load off, I'd
absolutely love to write some material for your blog in exchange for a link
back to mine. Please send me an email if interested. Thank you!
Feel free to visit my site :: free bingo no deposit 2013
Post a Comment