Tuesday, November 13, 2007

Seenaa Chee Guuveeraa

Baatii Onkoloolessa, gaafa ja’aa irraa eegalee, mata dureelee sab-quunnamtii addunyaa harkisan keessaa guddichi, waa’ee”Chee Guuveraa” ti.Kanaaf, seenaa nama kanaa gabaabsinee ilaalla.

BBC’n akka gabaasetti, Chee Guuveeraan, dhalootaan nama Aarjentiinaa oggaa ta’u bara 1928 kan dhalatee fi sadarkaa barnootaan ammoo doktoota ture. Chee Guuveeraan, sadarkaa barnoota isaa kanaan jireenya qananii jiraachuu osoo danda’uu, cunqursaa gabroofatootaa jalaa bahuuf qabsoo ummatooti addunyaa geggeessan gargaaruuf murteeffatee nama biyya isaatii bahee dha .

Akka kanaan, biyya isaa Aarjentiinaa irraa ka’ee, biyya Kiyuubaa seenuudhaan, cunqursaa Batistaa jalaa bilisa bahuuf warraaqsa Kiyuubaa keessatti geggeeffameen injifatnoo bara 1959 ummati Kiyuubaa argate, Fidel Kaastiroo waliin kan hogganaa turee dha.

Kiyuubaa Batistaa jalaa bilisoomte keessatti, bulchaa baankii waaltaa fi jallaaba(ministeer) hoomishaalaa(industirii) ta’ee Fidel Kaastiroon haa ramadamu iyyuu malee, addunyaa kana irraa, cunqursaa fi saamichi akka badu waan barbaaduuf, warraaqsa farra cunqursaa biyoota biroo keessatti geggeeffaman, itti fufee gargaaruuf jecha biyya Kiyuubaa gad-dhiise.

Bara kudhanii sagal jaatamoota(1960’s) keessa, gabrummaa jalaa bahuuf, qabsoo riphee lolaa biyyooti Afriikaa geggeessaa turan leenjisaan gargaaruuf jecha biyoota akka: Koongoo, Maalii, Aaljeeriyaa fi kkf dhaqeera.

Chaa Guuveeraan, arma irraa itti fufee, cunqurfamtoota gargaaree jijjirama fiduuf jecha, Onkoloolessa7, 1967 biyya Boolibiyaa seene. Akka biyyoota biroo keessatti milkaahetti garuu;biyya kana keessatti milkaahuu hin dandeenne. Akkuma inni Boolibiyaa seeneen, Keettoon Basaasa Waaltaakan biyya Ameerikaa(CIA), waraana mootummaa Booliviyaa yeroosii dhimma bahuudhaan to’annaa jala oolche. To’annaa jala oolchanii osoo hin turre, Onkoloolessa 8, 1967 rasaasa itti roobsuun ajjeessanii bakka awwaala isaa illee dhoksan jedhama.

Haa ta’u malee garuu; tattaaffii Fidel Kaastiroon godheen, bakki awwaala isaa bara 1997 argamee sirnaan awwaalameera. Waggaa afurtammaaffaa “Chee Guuveeraan”itti du’e, Onkoloolessa 8, 2007 addunya kana irraa bakka hedduutti kabajamee ooleera.

Ummati Kiyuubaa kuma kudhanii ol ta’u, hooggana Chee Guuveeraatiin bakka bilisoome-Havaanaa keessatti kan argamu-Santa Kaartaatti argamee ilillii kaa’uudhaan kabajaa, ulfinaa fi jaalala qabuuf agarsiiseera..

Gaazexaa Kiyuuba keessatti maxxanfamu irratti,”ilillii yeroo malee damee irraa cite”jechuudhaan, du’a Chee Guuveeraatti gadda itti dhagahame Fidel Kaastiroon ibseera. Jaarsi waggaa saddeetamaa, kan ajaja Chee Guuveeraa jalatti lolaa ture, “fakkeenya gaarii warraaqtotaa ti.jechuudhaan jaala isaa kan ture Chee Guuveeraa faarseera. Ummati Kiyuubaa hundi, Chee Guuveeraa, akka goota biyyatti ilaala.

Ummati Booliiviyaa kuma hedduutti tilmaamamus, bakka inni itti ajjeefametti argamee ilillii kaa’uufiin kabajee ooleera. Kana qofa osoo hin taane, ummati Booliviyaa gariin, “maqaa Chee Guuveeraatiin waaqa yoo kadhanne waaqi nuu dhagaha;kanaaf inni akka waaqaaa ti” jechuudhaanis jalaala isaaf qaban ibsaniiru.

Onkoloossi 8, 2007, Kiyuubaa fi Booliviyaa keessatti qofa osoo hin taane, addunyaa kana irraa, bakka hedduutti, ummata kuma hedduun, guyyaa yaadannoo Chee Guuveeraa ta’ee kabajamee fi yaadatamee kan oole oggaa ta’u, T-shirt, fi kooffiyaan fakkoo isaa qaban fi sirbi yaadannoo isaaf qophaahan miliyoonni(kumkuma) hedduun gurguramaniiru.

Guyyaa yaadannoo “Chee Guuveeraa” kana ilaalchisee haasaa godhe irratti, ajjeechaa “Chee Guuveeraa” irratti raawwateen, akeeka Booliviyaa keessatti bakka osoo hin gahin hafe itti fufee bakkaan akka gahu pirezedaantiin Booliviyaa waadaa seeneera.

Seenaan Chee Guuveeraa, akkuma bara kudhanii sagal jaatamoota keessa, namoota hedduu qabsoof kakaase;har’a illee, ummatoota bilisummaaf qabsaawan, kanneen akka Oromoof fakkii gaarii dha.

Chee Guuveeraan,doktoora ta’ee osoo jiruu, jireenya dhuunfaa fi biyya isaa dhiisee biyyoota adda addaa deemuudhaan ummatoota qabsoo bilusummaa geggeessan osoo gargaaruu kan du’ee dha. Chee Guuveeraan, nama biyya Aarjentiinaa ta’ee osoo hiruu, ummatoota biroof jecha lubbuu isaa dabarsee kan kennee dha.

Chee Guuveeraan,doktoora ta’ee osoo jiruu;bilusummaa saba biroof kan wareegame;doktooroti Oromoo ammoo bilusummaa ummata Oromoof maal godhaa jiru laata? Chee Guuveeraan, doktoora ta’ee osoo jiru;bilisumaa ummata biroof jecha bosona kan seene; doktooroti Oromoo ammoo maal godhaa jiru laata?

Nama alagaa, yeroo rakkina isaa itti dirmate fi qabsoo irratti isaa gargaare, guyyaa inni itii wareegame yaadachuuf ummati Kiyuubaa kuma hedduutti lakkahamu walitti qabameera. Nuhi Oromooti garuu; Oromoota bilusummaa Oromiyaaf wareegaman ni yaadannaa laata?Amantii, naannoo, gurraacha, diimaa, Afriikaa, Awurooppaa, Eeshiyaa ykn Araba osoo hin jedhin, addunyaan,guyyaa Chee Guuveeraan itti wareegame kabajaa guddaan oggaa yaadatu; nuhi Oromooti ammoo, gootota bilusummaa Oromiyaaf wareegaman hunda hangam tokko kabajaan yaaadanna laata?

Akeeka Chee Guuveeraan wareegameef kana, ummati miliyoonatti lakkaahamu yaadatee kan oole, nuhi Oromooti ammoo, akeeka bilusummaa Oromiyaa kan goototi kumaan lakkahaman irratti wareegaman hangam tokko yaadanna laata?

No comments: